ONM-ABO Sadaasa 1, 2025
Godina Arsii Lixaa aanaa Nageellee Arsii ganda Bonbaasoo Reejjii iddoo addaa Bonbaasoo jedhamu qubsiifamanii kan jiran loltoonni maafiyaa Bilxiginnaa, shororkaa Waraana Bilisummaa Oromootu nutti dhufe jedhuun dhukaasa walirratti bananiin du’aa fi madoon wal adabuu keessa beektonni ONMtti himaniiru.
Haleellaa loltoonni Bilxiginnaa kunneen walirratti taasisaniinis ergaa yeroo dheeraa turanii booda gama tokkorraa yeroo baqatanitti loltoota hedduu Walirraa ajjeesanii 6 ol madeessuu odeessi bakkichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe ni addeessa.
Loltootni sirnichaa kunneen tarkaanfii gootichi Waraanni Bilisummaa Oromoo diinota isaa irratti fudhachaa jiruun shororkaa’uun lafa lixaa kan dhaban wayita bineensi mooraa isaanii cinaan karaa darbuu fi baalli muka irraa harca’us iddoo qubannaa isaanii keessatti olii fi gadi fiiganii qawwee hawaasa harka duwwaa irratti halkan dhukaasaan lafa macheessaa kan bulan ta’uun ibsameera.
Shiftoonni sochii gootichaan rifatanii halkan irriba malee taa’aa bulan kunneen guyyaa immoo hawaasa keessatti akka leencaatti of tuuluun uummata meeshaa maleessa irratti roorroo daangaa darbe raawwachaa kan oolan ta’uutu mul’ata.
Sirni afaan qawweetti amanu bututaan impaayera Itoophiyaa loltoota aantummaan sabaa fi biyyaa irra garaa isaanii caalchifatanii fi qaama meesha maleessa irratti miidhaa danda’an fudhatanii of jireessuu qofa dheebotan tarkaanfii gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo kutaalee Oromiyaa hunda keessatti fudhataa jiruun sodaa guddaa keessa galuun yeroo hunda akkuma Waraanni Bilisummaa Oromoo isaan bira jirutti walii isaaniitti baaraguun iddoo garaagaraattii callisanii meeshaa dhukaasuun hawaasa nagaa dhorkaa jiraachuun ni beekama.

