Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamiitti hidhaa fi dararaan ergamtoota faashistii PP hawaasa nagaa irratti jabaachuun himame 

ONM-ABO Sadaasa 1, 2025 

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii bulchiinsa magaalaa Qellem keessaa torban darbe keessa ergamtoonni Bilxiginnaa dargaggoota 2 kanneen maqaan isaanii Lalisaa Habtaamuu fi Mirgisaa Faqqadee jedhaman badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, dargaggoonni kunneen dafqaan bultoota hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu hin qabne yoo ta’an, jaleewwan sirnichaa garuu sababa sobaa “Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu” jedhu itti maxxansuun hidhanii jiraachuu dubbatu.

Kabaja namummaa fi gara laafina tokkollee dhala namaaf kan hin qabne gara jabeeyyiin ergamtoota sirna nama nyaataa PP, goleewwan Oromiyaa cufatti badiisaaf bobba’uun meesha maleeyyii ilmaan Oromoo irratti yakkawwan garaa garaa raawwachuu itti fufanii jiru.

Exit mobile version