ONM-ABO Sadaasa 12, 2025
Garee finciltootaa murna abbaa irree PPn ijaaramaniin namoota ukkaamsuu fi dhabamsiisuun bifa dhiittaa mirga namoomaa beekamaa fi tooftaa shororkeessummaa mootummaa abbaa irree oggaa ta’u, waggoottan 4’n kanas gareen finxaaleyyii Amaaraa Faannoo ofiin jedhan kan murni Bilxiginnaa hidhachiiseen namoota nagaa godinaaalee akka Baha Wallaggaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Kaaba Shaggar, Lixa Shaggar fi Kaaba Oromiyaa Walloo keessaa namoota butuun jabaateera.
Gareen kun yeroo baay’ee murna Bilxiginnaan deggaramuun uummata nagaa irratti yakkoota dhoksaa raawwachuuf hojii dabaatti bobba’anii kan jiran oggaa ta’u, gaafa Sadaasa 4, 2025 godina Baha Wallaggaa aanaa Sibuu Sireetti halkan toora sa’aatii 8:00’tti obboleeyyan lama kanneen maqaan isaanii:
- Raggaasaa Rattaa fi
- Dabalaa Rattaa
jedhaman qonnaan bultoota ukkaamsanii dhabamsiisuun ibsameera.
Sirnoonni abbaa irree yeroo baay’ee garee finxaalessaa ykn garee ajjeesaa hidhachiisuun qabsa’oota bilisummaa dura ittiin dhaabbachuuf yoo ta’u, murni Bilxiginnaas Waraana Bilisummaa Oromoo cabsuuf tooftaa haarawaa baafatee egeree uummata Oromootti dukkana garbummaa dheeressuuf hojjechaa akka jirus gochaawwan mul’achaa jiran agarsiistuudha.

