Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo magaalaa Kamiseetti milishoonni sirnichaa baay’inaan Kollejjii keessatti leenjii milishummaa leenjifamaa jiran barattoota Kollejjii moorichaa irratti dirqiin gudeeddii raawwachaa jiraachuun ibsame

ONM-ABO Sadaasa 16, 2025 

Godina Walloo magaalaa godinichaa kan taate magaalaa Kamisee keessatti kan argamu manni barumsaa Kollejjii tibbana mooraa Kollejjichaa keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa milishoota haaraa baay’inaan mooricha keessatti leenjisaa kan jiran ta’uu fi barsiisotaaf barattoota ammoo ittiin hiraarsaa jiraachuun barameera.

Akka barsiisaan Kollejjii moorichaa dubbisne kan maqaan isaa rakkoo nageenyaaf akka hin eeramne gaafatu tokko jedhutti, koollejjii mana barumsaa magaalichaa kana keessatti milishoonni leenjifamuun kan yeroo jalqabaa ta’uu baatus kan bara kanaa ammoo adduma jechuun 2024 mooraa sanatti milishoonni leenji’aa turan adeemsa baruu fi barsiisuu gufachiisaa turuu kaasu.

Haa ta’u malee kan 2025 kana wanti adda godhe milishoonni leenji’aa jiran kun shamarran koolleejjichatti barachaa jiran dirqamaan mana itti seenuu, yeroo isaan halkanis ta’e fincaan ba’an namoota 4-5 ta’anii eeguun dirqiin gudeeddii irratti raawwachaa jiru jedha.

Barsiisaan kan biraan tokko akka jedhutti, nuti koolleejjii kan beeknu mana barumsaatti malee buufata waraanaa dirree tikseen sirnaa itti wal leenjisuu fi yakka barbaade itti namarratti raawwatuu miti, taateen amma mooraa koolleejjii sanatti milishoota leenji’aa jiraniin raawwatamaa jiru gocha safuu cabseedha, barattootni shamarranii moorichatti dirqiin gudeedamuun mirgi shamarranii sarbamuu qofaa miti, hamileen dhiirris ta’e dhalaan barnootaaf qabu gadi bu’aa adeema, barattootaa mitii nutuu akka barsiisotaatti gochi gedeeddaa barattoota irratti raawwatamaa jiru akka hojii kana dhiisnu nu taasisuu bira ga’eera jedheera. 

Lukkeeleen PP namoota nagaa maqaa seera jedhuun sodaachisuun hiraarsu, dursa seera ofii kabajanii nama kabachiisu ture, garuu impaayeerattii guutummaa keessatti seerri meeshaa laafaa ittiin miidhan qofa ta’ee, sirna dhablummaaf abbaa irrummaan ammoo daran dagaageera jechuun dubbata.

Milishoonni faashistii PP koollejjii magaalaa Kamiseetti leenji’aa yakka gudeeddii barattoota irratti raawwachaa jiran kun Dilbata Sadaasa 15, 2025 kan eebbifaman yoo ta’u, sababa kanaanis Dilbata Sadaasa 15, irraa eegaluun magaalicha guutummaa keessatti sochiin baajaajii fi doqdoqqee hanga Wiixata Sadaasa 17, ugguramuun ifoomeera.

Exit mobile version