ONM-ABO Muddee 6, 2025
Godina Baha Harargee Aanaa Gursum, Jarsoo fi Kombolchaa keessatti impaayerri koloneel Abiy Ahmed’n hoogganamaa jirtu, nageenya hawaasaa tiksuu osoo hin taane aangoo irrratti of tiksuuf kan ifaaju dargaggoota egeree biyyaa ta’an ukkaamsuun gara dirree waraanaa isaatti bobbaafachuu, akkasumaas qabeenya uummataa saamuu irratti fuulleeffatanii hojjeecha jiraachuu keessa beektonni onichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.
Aanalee caqafaman kanneen keessatti dargaggoota adamsuun lafa namootni itti ni argamu jedhanii yaadan irratti xiyyeeffachuun manneen bashanannaa, lafa gabaa fi konkolaattoota hawaasaa geejjibaan keessattillee hordoffii taasisuun afaan qawween ukkaamsanii guuraa akka jiran ifoomsaniiru.
Bakkoota garaagaraatti dargaggoota hordofuun walitti guuruu irraa darbee hanga caasaa isaanii sadarkaa gandaatti diriirsanii jiraniin saamicha qabeenya namootaa geggeessaa jiran kun hedduu yaaddessaa akka ta’es jiraattonni onichaa dabaluun ibsaniiru.
Dirree nagaa fi misoomawaa ta’e irratti uummata Oromoo geggeessuuf osoo hin taane, ulaa jireenyaa itti dhiphisuun gariinis afaan qawweetti dhimma ba’uun ol adeemtoota utubaa biyyaa ta’an sirna dabdummaa isaa leenjisuu fi barsiisuun akka isaan nageenya sabaa osoo hin taane impaayera Bilxiginnaa tiksaniif bobbaasaa jiraachuus dubbatu.
Dhiigni ilmaan Oromoo isaanitti xiqqaannaan qabeenya uummataa saamuu, ibiddaanis gubbanii barbadeessuun cinatti dinagdee hawaasaa balleessuu fi jireenya gabrummaa gita hin qabne keessatti hawaasicha hambisuuf hojjechaa akka jiran hojii ergamtoonni PP guyyaa guyyaatti raawwachaa jiran ni mirkanneessa.

