Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu keessatti waraanni Bilxigginna uummata hidhanii dararuu fi hidhaa keessaa baasanii achi buutee dhabamsiisaa jiraachuun dhaga’ame 

ONM-ABO Muddee 5, 2025 

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu gandoota garaagaraa keessatti waraanni faashistiin Bilxigginna qonnaan bultootaa fi maatii qonnaan bultootaa hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni aanichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru. 

Haaluma kanaan aanaa Daarimuu ganda Gungumii irraa namoota maqaan isaanii:

  1. Makkituu Abduu,
  2. Naasiroo Hasan,
  3. Solomoon Addisuu,
  4. Lalisaa Oliiqaa,
  5. Fayisaa Wandimmuu,
  6. Asfawuu Fiqaaduu,
  7. Makkaa Biraanuu,
  8. Xaaliyaa Haadha Mikaa’eel,
  9. Fiqaaduu Ittafaa,

kanneen jedhaman sababa maatii qabsaa’otaa fi sabboontota jedhamuun hidhaatti darbatamanii dararamaa jiru.

Kana malees Abbayee Fiqaaduu kan ta’an maanguddoo Obbo Ittafaa jedhaman sababa ilma keetu hidhatee bosona jira jedhuun abbaa fi ilma qabanii kan hidhan yoo ta’u, reebicha ulfaataa Obbo Ittafaa irratti raawwatameen maanguddoo kana yeroo ammaa dugdi isaa cituun taa’uu fi ciisuu dadhabanii manatti fincaanii fi bobbaa maatiin tajaajilaa jiraachuus jiraattonni dabaluun ifoomsaniiru.

Exit mobile version