Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baalee Lixaa aanaa Gaasaraatti maatii qabsaa’otaa hidhuun jabaatee jiraachuun ibsame

ONM-ABO Muddee 7, 2025 

Godina Baalee Lixaa Aanaa Gaasaraatti obboleessi qabsa’aa Waraana Bilisummaa Oromoo dirree irratti wareegameef gadda taa’uu hordofee gaafa Sadaasa 24, 2025 nama maqaan isaa Fu’aad Ushaa jedhamu shiftoonni waraana garboomfataa Bilxiginnaa dura bu’ummaa dhimma nageenyaa aanichaa nama maqaan isaa Nagaash Abbaa Nagaashiin durfamuun qabamanii aanichatti hidhanii gidirsaa jiraachuun ibsameera.

Dargaggoon kunis obboleesa jaal Cichaa Kaayyoo miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa yoo ta’u, gaafa qabamee kaasee hanga gabaasni kun qindaa’etti maatiin isaa deemanii mana hidhaatti akka hin gaafanneefis ugguranii jiraachuun ifoomeera.

Dhimmi nageenyaa aanichaa fi kaadiroonni sirnichaa maatii qabsaa’otaa danuu fi sabboontota ilmaan Oromoo adamsanii jumlaan hidhuu, hidhaa irraa baasanii mooraa waraanaa isaaniitti erguu fi dararaa addaa addaa irraan gahaa kan jiran yoo ta’u, akka aanaa Gaasaraatti uummanni rakkoo hammaataa keessa jiraachuus dubbatu.

Exit mobile version