ONM-ABO Muddee 17, 2025
Godina Matakkal aanaa Waanbaraatti jiraattota ganda Godoo Raaree kan ta’an maqaa deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun qabeenya isaanii horii gurguddaatii hanga lukkuutti saamuun gara waajjira poolisii aanichaatti galfatan.
Haaluma kanaan gaafa Muddee 15, 2025 ergamtooonni maafiyaan Bilxiginnaa gandoota aanichaa garaagaraa keessa socho’uun hawaasa nagaa qe’ee isaa keessatti hojii dhuunfaa isaa irratti bobba’ee jiraatu bakkoota dalagaa isaanii irraa gooluun Waraaana Bilisummaa Oromoo nu irratti nyaachistanii nu ajjeesisaa jirtu jechuun qabeenya isaanii kanneen socho’uu fi baatamuu danda’an saamuun gariin immoo mana waliin jalaa gubanii barbadeessuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Kana malees qonnaan bultootni hedduun maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu, maatii qabsaa’otaatii fi sabboontota jedhuun guyyuma kana hojii isaanii irraa ukkaamsamuun gara mana hidhaa aanichaatti darbatamanii dararamaa jiraachuu jiraattonni ifoomsaniiru.
Torban darbe keessas maqaa deggaraa Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun aanaa Bulan keessaa daa’ima ganna 12 Gaaddisaa Ayyaruu jedhamu rasaasaan kan ajjeesan yoo ta’u, gama biraatiin immoo uummatni tajaajila wal’aansa fayyaa akka hin arganne dhorkuun haati ulfaa tokko aanaa Waanbaraa ganda Wagdii keessatti ciniinsuun du’uu fi daa’imni ganna 10 ta’e tokkos ganda Baqujjii bakka addaa Dooraa jedhamu keessatti dhukkubsatee dawwaa dhabuun akka du’e isiniif gabaasnee turuun keenya ni yaadatama.

