ONM-ABO Muddee 24, 2025
Godina Arsii Bahaa aanaa Martii ganda Abbaasaa Gorobaa jedhamu keessatti gaafa Muddee 22, 2025 dargaggoo maqaan isaa Hiisaa Qaadii Jaatoo jedhamu waraanni faashistiin Bilxiginnaa mana maatii isaatii qabuun gaaffii seeraa tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa oromiyaaf addeessanii jiru.
Kana malees dargaggootni hedduun guyyuma sana loltoota maafiyaa PP kanneeniin qabamanii reebichi ulfaataa ta’e irratti geggeeffamaa turuunis ibsameera.
Akka fakkeenyaatti dargaggootni loltoota kanaan mana maatii isaanii irraa ukkaamfamanii ergaa reebamaa turanii booda aanaa Martii magaalaa Abboomsaatti geeffamanii hidhamuun hiraarfamaa jiran maqaan isaanii:
- Muddiin Ahimad Ibroo fi
- Taajuu Kadiroo Jaldii
kanneen jedhaman dabalatee hedduun isaanii mooraa waraana Cilaaloo jedhamu kan magaalicha keessatti argamutti darbatamanii dararaan garaagaraa irraa ga’aa jiraachuu jiraattonni ibsaniiru.
Murni sabaa fi sablammoota impaayerattii keessa jiraatan guutuu afaan qawween walitti qabee hiraarsu Bilxiginnaan, addatti immoo saba Oromoo irratti fuulleffachuun kutaalee hunda keessatti badii tokko malee ajjeessuu, hidhuu, qabeenya isaanii saamuu fi mana irratti gubuun buqqisuu hojii idilee isaa godhatee hojjechaa jira.
Barcuma aangoo dhiigaa fi lafee uummata Oromoon dhufe butuun teessuma kan qabate koloneel Abiy Ahmed, “hidhuu fi ajjeesuun mo’amuudha” kan afaan damma dibatee jechaa ture haaluun uummata Oromoo dararaa jira.

