ONM-ABO Muddee 24, 2025
Godina Arsii Bahaa aanaa Muuneessaa ganda Heeban Laaqichaa iddoo addaa Caffaa Bofaa jedhamu keessatti waraanni maafiyaa Bilxiginnaa kanneen koloneel Abiy Ahmediin mirga uummata Oromoo qe’ee isaa keessatti ajjeesuu gonfachiifamanii bobbaafaman gaafa Muddee 23, 2025 dargaggoo maqaan isaa Araarsoo Korosoo Nagawoo jedhamu mana isaatti itti dhaquun ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Dargaggoon kun baruma kana keessa fuudhee bultii kan ijaarrate ta’uu fi Oromummaa isaa malee sababa biraa kan hin qabne yoo ta’u, hidhattoonni maafiyaa Bilxigginnaa kunneen erga mana isaa duratti bifa suukanneessaan ajjeesanii booda hawaasni kaasanii akka hin awwaalle dhorkuun boodarra reeffa isaa lafarra harkisanii bakkeetti gatuu jiraattonni dabaluun ifoomsaniiru.
Akka jiraattonni gandichaa ifoomsanitti dargaggoo ajjeechaan rifaasisaan irratti raawwatame kun yakka isa ajjeesisu osoo hin taane badii seeraan isa gaafachiisu illee kan hin raawwanne yoo ta’u, waraanni sirna dhableessi fi akka feeteen nam-tokkee aangoo irratti tiksuu fi dantaa dhuunfaa isaanii guuttachuuf carraaqan badii seeraa tokko malee qawwee isaanitti dhimma ba’uun ajjeesanii gatuu jiraattonni addeessaniiru.
Kana malees guyyuma sana jiraattota gandichaa kan ta’an qonnaan bultoota baay’inni isaanii 30 ol ta’an irratti mana jireenyaa gubanii barbadeessuun yeroo ammaa uummatni sun maatii isaanii waliin bakkeewwan garaagaraatti faffaca’anii jiraachuun ibsameera.
Qonnaan bultoonni manneen isaanii jalaa gubate keessaa muraasni maqaa arganne:
1. Dasee Bariisoo Badhaasoo,
2. Gammadaa Bariisoo Badhaasoo,
3. Bariisoo Badhaasoo,
4. Araarsoo Shaaloo Badhaasoo,
5. Ganamoo Tibeessoo Eda’oo,
6. Bariisoo Ganamoo,
7. Saadamoo Badhaasoo,
8. Nagawoo Eda’oo Dasuraa,
9. Waaqoo Eda’oo,
10. Dhaqqaboo Qabaatoo Dasuuraa,
11. Amaan Dhaqaboo,
12. Galgaluu Badhaasa,
13. Baatirii Badhaasaa,
14. Boonee Badhaasoo,
15. Daaliyoo Ushaa Galgoo,
16. Gudii Ushaa Galgoo,
17. Ushaa Galgoo,
18. Buuduu Galgoo,
19. Nageessoo Ukaa,
20. Arabaa Ukaa,
21. Ukaa Galatoo,
22. Gammadoo Ulii,
23. Daalee Ulii,
24. Fayyisoo Gammadii,
25. Gammadii Ulii,
26. Ulii Galgoo,
27. Maashoo Hinseene, fi
28. Aanshaa Waari’oo ta’uun barameera.

