ONM-ABO Muddee 26, 2025
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo ganda Lootii Aannoo keessaa Muddee 20, 2025 waraanni faashistii PP namoota nagaa hidhuun waajjira Poolisii aanaa Horrootti hidhanii hiraarsaa jiraachuu jiraattotni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka jiraattonni himanitti, waraanni PP namoota maqaan isaanii:
- Lataa Olumaa fi
- Namoomsaa Olumaa
Kanneen jedhaman Obbolaa lamaan kan ta’an badii tokko malee sababa Oromummaa isaaniif qofa yakkuun hidhanii hiraarsaa ulfaataa irraan gahaa jiraachuu itti dabaluun ifoomsanii jiru.
Aanaa Horroo gandoota garaagaraa keessatti waraanni shiftummaan dagaagaan kunneen irra deddeebiin uummata nagaa irratti sarbaminsa mirgoota namoomaa raawwachuun roorroo fi gidiraa ulfaattuuf saaxiluu irratti kan argaman oggaa ta’u, ummanni rakkoo keessatti kufee jirus qaama itti iyyatu dhabuun yaaddoo keessa akka jirus dubbata.

