Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horrootti waraanni gara jabeeyyiin PP uummata nagaa irratti hidhaa hammeessaa jiraachuun beekame

ONM-ABO Muddee 27, 2025 

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo ganda Lootii Aannoo keessaa Muddee 20, 2025 waraanni faashistii PP namoota nagaa hidhuun waajjira Poolisii aanaa Horrootti hidhanii hiraarsaa jiraachuu jiraattotni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka jiraattonni himanitti, waraanni PP namoota maqaan isaanii: 

  1. Lataa Olumaa fi 
  2. Namoomsaa Olumaa 

Kanneen jedhaman Obbolaa lamaan kan ta’an badii tokko malee sababa Oromummaa isaaniif qofa yakkuun hidhanii dararaa ulfaataa irraan gahaa jiraachuu itti dabaluun ifoomsanii jiru.

Aanaa Horroo gandoota garaagaraa keessatti waraanni shiftummaan dagaagaan kunneen irra deddeebiin uummata nagaa irratti sarbaminsa mirgoota namoomaa raawwachuun roorroo fi gidiraa ulfaattuuf saaxiluu irratti kan argaman oggaa ta’u, ummanni rakkoo keessatti kufee jirus qaama itti iyyatu dhabuun yaaddoo keessa akka jirus dubbata.

Exit mobile version