Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horrootti waraanni PP hidhaa fi dararaan uummata nagaa irratti hammeessanii jiraachuun beekame 

.

ONM-ABO Sadaasa 14, 2025 

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo Ganda Gitiloo Dalee keessatti waraanni PP nama maqaan isaa Bushaa Dhaabaa jedhamu Sadaasa 10, 2025 uukkamsanii hidhuun hanga ammaatti waaajjira poolisii magaalaa Shaambuutti hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen himan.

Aanichuma ganda Abee Dullachaa keessattis Sadaasa 9, 2025 Waraanni PP Namaa maqaan isaa Tolaa Margaa jedhamu badii tokko malee hidhanii hanga gabaasni kun qindaa’etti waajjiruma Poolisii magaalaa Shaambuutti hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsanii jiru.

Akka maddeen himanitti, waraanni PP aanicha gandoota garaagaraa keessatti yakkoota akka hidhaa, ajjechaa, saamichaa fi reebicha ulfataa qaama laaleessuu irraa deddeebbiin uummata nagaa siyaasa kamirraayyuu walaba ta’e irratti maqaa soba Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu jedhu itti moggasanii irratti raawwachaa jiraachuu dubbatu.

Ergamtoonni sirnichaa lola gootichi Waraanni Bilisummaa Oromoo bakkoota garaagaraatti Waraana PP irratti fudhachaa jiruun raafamanii abdii kutachuun adeemsi uummata nagaatti haaloo ba’achuu isaanii bakkoota garaagaraatti akkuma itti fufetti jiraachuun kan mul’atuudha. 

Murni bakka bobbafamu cufatti qawwee of harkaa qabutti dhimma ba’ee ilmaan Oromoo irratti yakkoota garaagaraa raawwatu Bilxiginnaan guyyaa guyyaan uummata nagaa irratti gochoota gara jabinaa raawwachaa jiraachuun ni beekama

Exit mobile version