ONM-ABO Muddee 28, 2025
Miseensotni waraana faashistii Bilxiginnaa 3 godina Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu ganda Wuyyee Cabaree jedhamu irraa gaafa Muddee 25, 2025 mooraa waraanaa Bilxiginnaa ganuun qawwee fi hidhannoo isaanii qabatanii gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatan.
Miseensotni waraana Bilxiginnaa kunneen baay’inaan 3 yemmuu ta’an qawwee AKM 3 fi rasaasa hedduu waliin qabachuun mooraa mooraa cubbamaa Bilxiginnaa keessaa bahuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo naannichaa keessa socho’u bira nagaan gahanii jiru.
Miseensotni waraana Bilxiginnaa duraanii kun mooricha keessaa baduun WBO’tti dabalamuuf baay’inaan mari’atanii walii galanis kanneen haalii osoo hin mijatiniif hafanis mooricha keessaa bahuuf carraa mijataa qofa eeggachaa akka jiranis addeessaniiru.
Loltootni kunneen mooraa PP keessatti rakkoowwan garaagaraa mul’achuu himuun, keessattuu dhimma ulaa galaanaa argachuu qabna jedhuun gara galaana diimaatti fuulleffatee kan jiru murni Bilxiginnaa, miseensotni yaaddoo fi nuffii lolaatiin kan wal qabate akkaataa mijateefitti qawwee qabachuunis ta’e lafa kaa’anii keessaa badaa kan jiran yoo ta’u, gama biraatiinis rakkoowwan dhuunfaa miseensota gidduutti dhalachaa ooluun walitti dhukaasanii wal ajjeesaa akka oolanis ibsaniiru.
Loltoonni kunneen sadeenuu sabaan Oromoo fi godinaalee Oromiyaa garaagaraa irraa dirqamaan qabamanii leenjifamuun akka bobbaafaman kan himan yoo ta’u, hanga yeroo turtii Bilxiginnaaf hojjechaa turan keessattis akkaataa naamusni waraanummaa irraa calaqqisuun osoo hin taane fedhii siyaasa murna Bilxiginnaa qofa tiksuuf jecha miidhaa namoomaa garaagaraa geggeessaa turuus ibsaniiru.
Gochaawwan yeroo mooraa waraanaa PP keessatti dalagaa turanitti baay’ee gadduun xiyyeeffannoon guddaan yeroo baadiyaalee fi magaalaa keessa sochoonu namoota mormii bulchiinsa Abyi Ahimed qaban lubbuu isaaniis ta’e qabeenya isaanii murtii mataa keenyaa akka irratti fudhannuuf qajeelfamni kan nuuf kennameera jechuun, miseensi qaama sirna Abiy Ahimed’n mormu argee tarkaanfii fudhates taayitaa olaanaan kan dabalamuuf ta’uus dabaluun ibsaniiru.
Kanuma bu’uura godhachuun gareen Bilxiginnaa ilaalcha jibbaa fi diinummaa sanyummaa irratti hundaa’e kan inni saba Oromoof qabu gochawwan hammeenyaa isaa irraa hubachuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti dabalamuu kan himan loltoonni Bilxiginnaa duraanii kunneen, carraa argatanitii dhimma ba’uun Waraana Bilisummaa Oromoo waliin ta’anii diina uummata Oromoo kan ta’e Bilxiginnaa loluuf qophii ta’uu ifoomsaniiru.
Simannaa ho’aa WBO’n taasiseefitti kan gamadanii fi warreen mooraa waraana Bilxiginnaa keessa taa’anii teessoo Abiy Ahimed tiksuuf lubbuu isaanii gatii dhabsiisaa jiraniinis meeshaa keessan waliin kottaa obboloota keessan kan dirree haqaa seenaa gaarii qaban waliin dhaabbadhaa, lafa kamiinu yoo baatan WBO ni argatu jechuun dhaamsa isaanii dabarsaniifii jiru.
Yeroo hogganaan humna waraanaa Bilxiginnaa Biraanuu Juulaa waraanni keenya abdii Itiyoophiyaa irra darbee gaanfa Afriikaaf abdii gudaadha jedhutti miseensotni hedduun lola keessatti booji’amuu fi meeshaa fi hidhannoo isaanii waliin WBO’tti makamaa jiran kanatti yaaddoo qaban ibsachuu caalaa uummataan xiqqaa fi guddaa osoo hin jenne biyya keessan eegdu jechuun dirqamaan gara mooraa leenjii waraanaatti guuraa jiraachuun kan beekamuudha.

