Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensotni Waraana Bilxiginnaa 17 qawwee fi hidhannoo guutuu waliin  WBO Zoonii Giddu Galeessaatti harka kennatan

ONM-ABO Botootessa 21, 2025 

Murni faashistii PP ilmaan hiyyeessaa barcuma isaa ittiin eeggachuuf qe’ee fi maatii isaanii biraa humnaan qabuun leenjii kenneefii bobbaasus, badii sirnichaa hubachuun daandii argataniin gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachaa jiru.

Haaluma kanaan Bitootessa 18 fi 19, 2025 miseensotni waraana Bilxiginnaa baay’inaan 7 ta’an  qawwee AKM fi hidhannoo waliin WBO Zoonii Giddu Galeessaatti dabalamanii  jiru.

Kaleessa Bitootessa 20, 2025’s Zooniidhuma Giddu Galeessaa keessatti loltootni Abiy Ahimed akka aangoo isaa eeganiif dirqii fi goyyomsaan bobbaase 10 adeemsi badiisa Bilxiginnaa kun nu ga’a jechuun qawwee AKM 11 hidhannoo waliin qabatanii WBO’tti harka kennatanii jiru.

Miseensotni waraana faashistii PP duraanii kunneen akka jedhanitti mooraa waraana Bilxiginnaa keessaa dibbee lolaa, nama ajjeesuu, saamuu fi yakka hojjechuu qofatu tumama, kun ammoo gocha lammii keenya irratti ta’u waan ta’eef nutti dhaga’amnaan keessaa baane jechuun dubbatan.

Itti dabaluunis Itiyoophiyaa diigamaa jirtu kanaaf hiriirree uummata keenya miidhuu irra WBO’tti dabalamnee falmachuu wayya jechuun ilmaan Oromoo achi keessatti hafan qawwee fi hidhannoo isaanii waliin mooraa Bilxiginnaa keessaa akka ba’an dhaamsa dabarsaniiru.

Loltoota 17 guyyaa 2 keessatti badan dabalatee torbee darbe qofatti loltootni PP 50 ol Oromiyaa bakka adda addaatti mooraa waraana Abiy Ahimed keessaa gananii jiraachuun barameera.

Exit mobile version