Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Noophaatti misirroon cidhaaf qophii irra jiru tokko ajjeefamuun dhaga’ame 

ONM-ABO Amajjii 13, 2026 

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Noophaa ganda Suulii keessatti gaafa Amajji 10, 2026 waraanni garboomfataa PP dargaggessa fuudhaaf qophii irra jiru kan maqaan isaa Musxafaa Taammiruu Tolaa jedhamu maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jedhuun ajjeesuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsaniiru. 

Cidha jechuun bakka gammachuu, walitti dhufeenya hawaasummaa fi aadaa ta’ee utuu jiruu, garuu yeroo ammaa kana qaamoleen murna Bilxiginnaa namoota tokko tokko irratti shakkii siyaasaa qabaachuun, eenyummaan, gosaan, amantiin, siyaasaan addaan baasuun lubbuu baasaa kan jiran yoo ta’u, dargaggoo kanas ija shakkiin ilaaluun ajjeesaniiru.

Waraanni faashistii PP waggoottan 7n kana keessa bakka ummanni walitti qabamu irratti haleellaa raawwachuun lubbuu baasuu, hawwan ulfaa ajjeesuu, mana cidhaatti jeequmsa kaasuu fi dargaggootas achitti adamsuun ajjeesaa jiru.

Aadaa fi namummaa cabsuun loltoonni murna Bilxiginnaa dubartootaa fi daa’imman dabalatee gochawwan farra namoomaa hedduu irratti dalagaa kan jiran, namoonni baay’een gochi akkanaa akka dhaabbatu, qaamoleen yakka kana raawwatanis seeratti akka dhiyaataniif wawwatanis, gareen olaantummaa sirna Bilxiginnaa qofa leellisu daranuu lubbuu obbaasuutti fuulleffatee jira.

Exit mobile version