Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Muneessaa keessatti loltootni impaayera Itoophiyaa abbaa ijoollee 8 tokkoo fi dargaggoo tokko ajjeesuun dhaga’ame

ONM-ABO Amajjii 16, 2026 

Godina Arsii Bahaa aanaa Muuneessaa ganda Heeban Laaqichaa iddoo addaa Magaalaa Laaqichaatti gaafa Amajjii 13, 2026 halkan keessaa toora sa’aatii 10:00’tti loltootni impaayera Itoophiyaa balbala qonnaan bultootaa cabsanii seenuun nama maqaan isaa:

  1. Obbo Milkeessoo Mi’eessoo Dassiisoo jedhamu abbaa ijoollee 8 kan ta’ee fi 
  2. dargaggoo maqaan isaa Musxafaa Mi’eessoo Dassiisoo jedhamu 

mana keessaa gadi waamuun bakkeetti geessanii rasaasaan rukutanii ajjeesuun bakkeetti gatanii deemuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsaniiru. 

Namoonni kunneen namoota yakka tokko hojjetanii hin qabne yoo ta’an, Oromoo ta’uu isaanii qofaaf yakkamanii kan ajjeefaman ta’uu jiraattonni dabaluun ibsaniiru.

Kana malees loltootni kunneen gandicha keessatti namoota hedduu reebanii qabeenyas saamuun hiraarsaa akka jiran jiraattonni gandicha irraa dubbisne Arraata biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version