ONM-ABO Muddee 6, 2025
Godina Arsii Bahaa aanaa Roobee ganda Gamburraa jedhamu keessatti gaafa Muddee 1, 2025 qonnaan bulaa maqaan isaa Abdulnaasir Junee Haajii jedhamu harka qalleessa humna isaatiin maatii isaa jiraachifatu, osoo inni hojii isaa hojjetaa jiruu loltootni impaayera Itoophiyaa itti dhufuun gaaffii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeessanii bakkeetti akka gatan jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Obbo Abdulnaasir nama jireenya hawaasummaa isaa keessatti uummata hundaan walii galu, hawaasaan jaallatamuu fi kabajamu yoo ta’u, yakka tokko malee loltoota murna Bilxiginnaan ajjeefamuun ijoolleen isaas bakkeetti haftee jiraachuuf abdii dhabdee gadda guddaa keessa jirtu ta’uu jiraattonni ifoomsaniiru.
Afaaniin nagaa fi badhaadhina biyyaa lallabaa lubbuu namoota nagaa yakka tokko malee akka galaanaatti dhangalaasaa kan jiru murni Bilxiginnaa loltoota isaa naamusni waraanummaa irraa hin calaqqisne kutaalee Oromiyaa maratti bobbaasuun ilmaan Oromoo lafa irraa duguuguu itti fufee jiraachuun ni mul’ata.

