ONM-ABO Amajjii 18, 2026
Godina Lixa Shaggar aanaa Daannoo mooraa waraana Bilxiginnaa keessaa miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko gaafa Amajjii 16, 2026 qawwee fi hidhannoo isaa qabachuun WBO’tti harka kennachuu hooggansi WBO onichaa beeksise.
Miseensi waraana Bilxiginnaa duraanii kun wayita WBO’ tti harka kennatu meeshaa:
- AKM tokko rasaasa 147,
- boombii F1 lama fi
- hidhannoo isaa waliin qabachuun nagaan WBO bira gahee jira.
Waraanni Bilisummaa Oromoo kabajaa fi simannaa ho’aa taasiseefitti hedduu gammaduu kan dubbatu loltuun impaayerattii kun, beekees ta’e osoo hin beekin saba irraa dhalatetti qawwee isaa qabuun waan uummata isaatti balleesse uummata Oromoo bal’aa dhiifama gaafatee jira.
Dhuma irrattis ejjennoon isaa WBO waliin hiriiree mirga sabaasaa falmuu ta’uu himuun, hiriyoota isaa warreen fedhaanis ta’e dirqiin mooraa cubbamaa sana keessatti hafanii uummata Oromoo hacuucaa jiran akkasumas lola isaan hin ilaallannetti duuluun aarsaa hin malle kaffalaa jiraaniin, yeroon kottaa WBO waliin hidhadhaa uummata keessan bilisa baasaa jechuun dhaameefii jira.

