Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Matakkal aanaa Wanbaraa keessatti waraanni goolessituu Bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti meeshaalee waraanaa gurguddoo darbachuun miidhaa geessisuun ibsame

ONM-ABO Guraandhala 4, 2026 

Godina Matakkal aanaa Wanbaraa ganda Shonkoraa jedhamutti waraanni maafiyaa Bilxiginnaa Guraandhala 2, 2026 ganama 2:00’tti meeshaalee gurguddaa akka moortera furguggisuun qabeenya hawaasaa irratti darbataniin miidhaan qabeenya irra ga’uu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Meeshaaleen gurguddoo hawaasa meesha maleessatti loltoota gara jabeeyyii sirnichaan darbatame kun biqiloota akka: bunaa, abukaadoo, muuza, maangoo fi midhaan callaa ooyiruu keessatti argamu dabalatee bosona illee jalaa barbadeessuun eeramee jira.

Guraandhala 1, 2026 godinuma kana aanaa Bulan ganda Goongoo bakka addaa Gilaa’ee jedhamu keessatti gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii laalessaa loltoota faashistii Bilxiginnaa irratti fudhate hordofee, loltoonni kunneen haaloo kanaa ba’uuf hawaasa meesha maleessa irratti meeshaalee gurguddaa kan darbatan ta’uun baramee jira.

Tiksitoonni barcuma nam-tokkee fi abbaa irree Koloneel Abiy Ahimad kutaalee Oromiyaa cufa keessatti lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo injifachuu dadhabuun meeshaalee gurguddaa seerri waraana idil-addunyaa hin eyyamne fayyadamee hawaasa irratti darbachuun miidhaa ulfaataa qaqqabsiisuu itti fufanii jiru.

Exit mobile version