Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina baha Wallaggaa aanaa Diggaa keessatti waraanni maafi’aa PP meeshaa gurguddaa hawaasa nagaatti dhukaasuun qabeenya mancaasuu fi loon hawaasaa fixuun himame

ONM-ABO Guraandhala 6, 2024

Murni bilxiginnaa daba seenaa jalaa hin dhokanne hawaasa harka duwwaa irratti raawwachaa kan jiru yeroo ammaa bakkeewwan adda addaatti qabeenya jiraattotaa waraana isaa itti bobbaasuun macaasaa jira

Akkuma kanaanis Guraandhala 3, 2024 godina baha Wallaggaa aanaa Diggaa bulchiinsa magaalaa Arjoo Gudduttuu keessa waraanni quubsuma godhatee jiru jiraattota gandoota baadiyyaa irratti meeshaalee gurguddaa ZU 23 fi moortara dhukaasun loon hedduu fixuun manneen jiraattotaas gubuun beekameera

Akka jiraattotni jedhanitti shakki waraanni bilisummaa Oromoo magaalaa seenee haleellaa nurratti raawwachuuf jedhaatiin meeshaalee kanneenis gara baadiyyaatti qabuun yeroo dheeraadhaaf haleellaa geggeesaniin miidha gudda nurratti raawwatan jechuun ONM tti himaniiru.

Exit mobile version