ONM-ABO Guraandhala 6, 2024
Murni bilxiginnaa daba seenaa jalaa hin dhokanne hawaasa harka duwwaa irratti raawwachaa kan jiru yeroo ammaa bakkeewwan adda addaatti qabeenya jiraattotaa waraana isaa itti bobbaasuun macaasaa jira
Akkuma kanaanis Guraandhala 3, 2024 godina baha Wallaggaa aanaa Diggaa bulchiinsa magaalaa Arjoo Gudduttuu keessa waraanni quubsuma godhatee jiru jiraattota gandoota baadiyyaa irratti meeshaalee gurguddaa ZU 23 fi moortara dhukaasun loon hedduu fixuun manneen jiraattotaas gubuun beekameera
Akka jiraattotni jedhanitti shakki waraanni bilisummaa Oromoo magaalaa seenee haleellaa nurratti raawwachuuf jedhaatiin meeshaalee kanneenis gara baadiyyaatti qabuun yeroo dheeraadhaaf haleellaa geggeesaniin miidha gudda nurratti raawwatan jechuun ONM tti himaniiru.



