ONM- ABO Guraandhala 6, 2024
Bilxiginnaan hawaasa nagaa maqaa waraana bilisummaa Oromoo soorte jedhuun manneen irratti gubee maatiiwwan hedduu jireenya godaansaaf saaxiluun qe’ee fi qabeenya manca’een maatiin hedduun teessoo dhabuun gidiraa ulfaataa Keessummeessa jira
Akkuma kanaanis torban darbe godina lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Guyyoo Xayiibaa naannoo Koongil jedhamutti mana maanguddoo tokko kan maqaan isaa Gammachuu Sandaabaa jedhamu waraanni gabroomsaa PP ibidda itti shiduun guutummaa guutuuttii barbadeessanii deemuun barameera
Dabalataanis qabeenyaa obbo Gammachuu maallaqa 30,000 saamuun isas ibidda boba’aa jirutti darbuun miidhaa qaamaaf erga saaxilaniin boodas naannoo kanarraa deemtee argamnaan lubbuu Kee obbaasna jechuun akeekkachisanii akka deeman jiraattotni Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.
