Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Dhumaatii Ummata keenya Horroo Guduruu fi Wallagga Bahaa (Ibsa ABO-WBO)

Daangaalee Oromiyaa kallattii hundaan, addatti ammoo Horroo Guduruu fi Wallagga Bahaa keessatti, dhiiga ummata Oromoo qulqulluu dhangalaasuun godaannisa bara Abiy Ahmed Oromoo mudate keessaa isa tokko.

Dhiyeenya kana, guyyaa Adoollessa 4, 2026, humni yartuun dhiiga Oromoo dhangalaasu amala godhatte, “Faannoo Wallaggaa” ofiin jettu, kan Abiy Ahmed fi Shimelis Abdiisaa hidhachisan, gandoota aanaa Abee Dongooroo afru seenuun, mana abbootii Oromoo 180 gubdee, daa’ima ji’a sadii dabalaltee, nama sadii ajjeeftee, loon dhibbaatmaan offattee deemte. 

Guyyaa lamaa booda, humni Raayyaa Ittisa Biyyaa achi jiru, gantuu Shanee Moosisaa jedhamu tokko waliin “haaloo baana” jedhanii ganda Arusee seenuun, qotee bulaa Amaaraa naannoo sana jiraatu 200 mana irrratti gubani.

Abiy fi Shimellis naannoo Amaaraa keessaa waraanafi dirooniin Faannoo lolaa jiran,  humna badii “Faannoo Wallaggaa” jedhamtu kanammoo, kampii itti of leenjiftu keenaaniifi jiraachisaa jiru. Garee kana, jalqaba kan uuume, ammas kan jiraachisaa jiru Abiy fi Shimallisi.

Qumaarri Abiy fi Shimallis ifaa dha: karaa tokkoon humna badii kana “dhaqii mana Oromoo gubi” jedhanii bobbaasuu. Bulanii immoo “Oromoon dhume, koottaa haaloo bahaa” jedhanii gantoota Shanee walitti sassaabanii mana qotee bulaa Amaaraa gubsiisu. “Faannoon Wallaggas” taate, gantuun Shanee meeshaa siyaasaa OPDO Abiy Ahmedi. Oromoo fi Amaara baraan wal nyaachisaa gidduutti aangoo irra bubbuluuf bobbaafatani. Inni erges, ergamtuun ishees, diina Oromooti.

Furmaanni waaraa Oromoon, saboota biyyattii hundumaa waliin wal qabatee Abiy Ahmediin ofirraa gaggeessuu dha. Hagasitti, humnoonni Amaaraa hunduu garee badii Oromiyaa keessa maqaa Amaaraan socho’u kamirraayyuu akka of fageessitan waamicha dhiyeessina.

Ajaja Olaanaa ABO-WBO

Adoollessa 10, 2026

#Oromia #Ethiopia

Exit mobile version