Gabaasni kun gabaasa Waldaaleen Amaaraa Ameerikaa jiraatan waa’ee Gocha Duguuggaa Sanyii (Genocide) Uummata Oromoo Agamsaa ilaalchisuun ba’e, gabaasni ba’e sunis gabaasa baay’ee dogoggoraa waan ta’eef kan mormu yoo ta’u, sababoota shororkeessummaan Wallaggatti uumameef adda dureen kan ibsudha.
Jiraattonni magaalaa Agamsaa fi namoonni dhimmi ilaallatu gabaasa bal’aa kana barreessanii, nuti ammoo uummata bal’aa biraan gahuuf dirqamne. Barreessitoonni barruu kanaa yeroo ammaa hundi isaanii Itoophiyaa keessa kan jiraatan yoo ta’u, ofii isaanii gabaasa kana qooduuf nageenya isaaniif heedduu yaaddessaadha.
Haleella Agamsarratti raawaatamerrarri gabaasa sobaa gadhiifamee
fi qaamolee miidhaa sukkaneessaa ummata nagaa Oromoorratti geggeessaa jiran
Dhaloota Agamsaa fi Naanno Ishee
Onkololeessa 2022 Cumfaa
- Bu’uurri Rakkoo Walitti Bu’iinsaa Eenyu?
- Gaafa Haggayya 30, 2022 magaalaa Agamsaatti maaltu raawwatame?
- Gabaasni Amhara Association of America dhaan Gaafa Fulbaana 12, 2022 ba’edhugaa irraa kan fagaate Ta’uu Isaa
- Gudunfaa Cuunfaa Gabaasni mataduree “ተበዳይ በዳይ ሆኖ የቀረበበት የአጋምሳ ከተማ የንጹሃን አማሮች የጅምላ ጭፍጨፋ ” jedhu dhaaba “Amhara Association of America (AAA)” jedhamuun gaafa Fulbaan 12, 2022 dhimma haleellaa Agamsaa ilaalchise ba’e gad fageenyaan dubbisuun hubannee jirra. Gabaasni kun dhugaa irraa kan fagaatee, qabatamaa hin taanee fi kayyoo uummata nagaa walitti buusuu kan qabu ta’uusaa hubanneerra. Uummattoonni Amaaraa fi Oromoo Agamsaa nagaaf jaalalaan baroota baay’eef kan waliin jiraatani yommuu ta’u, dhaabni AAA gabaasa sobaan faalama kana yommuu
bareessu walitti bu’insa uummata nagaa akka itti fufu gochuuf waan kayyeefate fakkata. Rakkoole gad fagoo gabaasa AAA keessa: 1) namoota balleessa malee mana isaaniitti ajjeefani waan akka waaranaa keessati du’anii fakkeesse haala sobaan dhiyeessu; 2) Lubbu Oromoo nagaa manasaanitii ajjeefamani gad xiqqeessu,; fi 3) ragaa sobaa dhiyeessu akkasumas namoota hin duune akkataa dhugaa irraa fagaateen du’an
jedhanii dhiyeesu fi kan biroo dha.
Namoota Amaara 61 du’an jedhan keessaa, namoonni 43 kan hin duune yoo ta’an, namoonni 8 haleella Agamsatti raawwatame wallin haala wal hinqabannen humnoota hidhatan adda addaatiin kan ajjeefaman, namoonni 10 immoo humna “Shanee
Mootumma” jedhamuun haala nama gaddisiisun gaafa Hagayya 29, 2022 ajjefamaniiru.
Karaa biraas, gabaasni gareen AAA dhiyeesse gandaa Agamsa keessa jiranille sirriitii kan hin eerre ta’uusa hubanneerra. Waluma galatti akka ragaatti gabaasa kana
keessatti kan dhiyaate ragaa sobaa ta’uusaa mirkaneessu barbaachisaadha. - Bu’uurri Rakkoo Walitti Bu’iinsaa Eenyu?
Uummanni Oromoo cunqursaa Impaayerri biyya Itoophiyaa irratti raawwataa turteefi jirtu dandamatee seenaa fi duudha isaa kabachiisee jiraachaa akka turee fi akka jiru nii beekama. Kan amma warra unuu fi keenyarratti raawaatamaa jirus kan adda ta’e miti. Haala gad-fageenyaan itti yadamee fi karoorfameen uummata Oromoo qe’ee isaa irraa buqqisuuniifi qabeenya isaa saamuun, keessumma Wallaggarrati qindeeffate erga deemuu qabe bubbuleera. Hojii hamminaan gutaame kana keessatis kan qooda fudhatan garee baay’eetu jiru. Qaamolee adda adddaa mootumma Itiyoophiya, namoota bebbekamoo tokko tokko, hidhatoota Faanno, namoota wagga dheera Wallaga keessa jiraatanii fi garee samiicha kanarra bu’aa baay’ee argatan heeddun hirmaanna baay’ee fudhachaa jiru.
Yeroo ta’e tokkos miseensi Faannoo Amaaraa tokko “Wallaggi kan Oromooti jedhu garuu miti osoo Oromoon hin dhufiin nuti Wallagga turre, Adaamaas Bishooftuus turre garuu nuti Debrezeyit fi Naazret jenne Macaafa qulqulluun beekna, har’a kan Oromoonni Adaamaa, Moojoo jedhanii jijjiiran” jedhee ture. Miseensi Faannoo Amaaraa biraa tokkos walgahii Wallootti godhame tokko irratti akkas jedhee ture “ Magaalaa Kombolchaa irraa Kiloomeetirii tiqqoo irratti kan argamu Uummanni Oromoo Walloo as jira Wallaggaa deemuu nu hin gaafatu asuma jiru, isaan kana ajjeesaa”.
Gareen Diyaaspooraa Amaaraas fuula Teleegiraamii “Amaaraa Nen Nebaar Hizboochi (አማራ ነን ነባር ህዝቦች)” jedhamu fayyadamuun marii geggeessaa turaniin sagalee nama
tokko akkas jedhee dubbate arganne turre .
“Furmaanni maali jettanii yoo nagaafattani ani furmaanni ijaaramuudha nan jedha, uummattoonni Amaaraa naannoo Oromiyaa keesumaa Wallagga jiran karaa Icciitii ta’een akka gara naannoo Amaaraa dhufanii buufatan erga goonee uummata Oromoo naannoo Amaaraa jiran karaa dhokataa ta’een ajjeesnee, rukkutnee fi gannee ajjeesuun akka naannoo Amaaraatii ba’an goona, sana booda Axaayyee fi Shawaa Roobiit Amaaroota jiran lenjisnee akka naannoo Oromiyaa iddoo Shanoo jedhamu deemanii sanyii duguuggaa raawwatanii dhufaan gona, kana gochuufis namni shan (5) yookaan ja’a (6) gahaadha, Amaarota naannoo Oromoo jiran kanas karaa keessaa qindeessinee akka meeshaa waraanaa hidhatan gona, keessummattuu dubartoonni Amaaraa karaa kana gahee guddaa qabdu qaama nageenya biyyaa eegsisan jaalallee
fakkaattanii waantota baayyee nuuf hojjettu, Amaarota naannoo Oromiyaa jiran qindeessinee Oromoota akka Ajjeesaan gochuu, laga Abbayaa karaa sadii (3) (Sammoorraan, Karaa Waastii fi Dildila Abbayya irraan) ce’aanii Amaaronni akka Oromoota baayyee ajjeesanii dhufan gochuudha”.
Karoora gareen Diyaaspooraa Amaaraa fuula Teleegiraamii “Amaaraa Nen Nebaar Hizboochi(አማራ ነን ነባር ህዝቦች )” jedhamu fayyadamuun mari’ataa turan kana hojiirra oolchuuf Bataskaana Naannoo Wallaggaa Bahaa Aanaa Kiiramuu jiru tokko keessaa
tajaajilaan sabaan Amaara ta’e toko akkas jedhee ture “Tole dhiigakoo akkam jirtu? Nagaa keessanii? ani Taadeliin jedhama, ani Amaara Wallaggaadha, iddoon jireenyakoo Finfinneedha, hojiinkoo Injiinara,
Wallagga keessa hojii oogummaan Bataskaanaan hojjedhutu ture, Aanaa Kiiramuu jedhamu keessatti uummata biratti fudhatama guddaan qaba carraa kana fayyadamuudhaan uummata Amaaraa walitti qabuun dhoksaadhaan Mishigoonni akka qotaman, keellaawwan akka eegaman, meeshaa waraanaa dhalattoonni Amaaraa Masjiidotaa fi Bataskaana keessa akka galchani, Amaarri tokko isa tokko akka meeshaa qaba jedhee hin dubbanne kaksiisuufi wal-amansiisuun Fulbaana 23 jalqabnee nii qopheessina, Amaaronni Oromiyaa jiran baayyinaan meeshaa waraanaa hin qaban rakkoo kana furuuf jedheen mootummaa Amaaraa waliin marii’adheen, Telegram baneen hojii baayyee hojjedheerra/hojjenneerras, gareen nuti gurmeessinne kan bilbila qaban, darggagootaafi jiraattota Amaaraadha, Wallagga keessatti gola nama tokko tokko fi gandoota hundatti dargaggoota fi uummata Amaaraa gurmeessinee qabna, waanta hojjennu hunda immoo Faannoo fi naamoota Amaaraa dhimma
nageenyaa Oromiyaa keessa jiran mari’annee Wallagga keessa iddoo istiraateejii lama filannee jirra. Shiftoota Amaaraa dura lafa sana beekan iddoo istiraateejii lamaan kanatti hirree achuma Wallaggatti waraana banuuf qophoofneerra, qabsoon qarshii malee hiika hin qabu, ani amma hojii dhiiseera, qondaalli mootummaa tokko baayyee nugargaaraa jira, Rasaasa, Soolaarota, Radiiyoo qunnaamsiiftu(sabaabni isaa networkiitu bada), fi gaasni nu fayyada, Wallaggi fi Gojjam kan daangeffamu laga Abbaayaan yoo ta’u karaan wal-nuqunnamsiisu immoo sadiidha, karaa guddaa konkolaataan irra deemu ammaaf hin dandeenyu eegumsatu jira gara fulduraa garuu cabsinee nii dabarra, Faannoo faanas mari’annee fixneerra, karaa sadii kana keessaa karaan lama kan bishaan daakuun dabarrudha, kana hunda hojjechuuf qarshii nu barbaachisa anis amma hojii dhiiseera, akkuman isinitti hime hiriyyaan koo barataadha reefu Dabra Taabor Yuniivarsiitii irraa eebbifame kanaaf Amaarri qarshii barbaachisu nu gargaaruu qaba, nuti iddoo sadii jechuun Hangar Guutee(Guttin), Aanaa
Kiramuu, fi Jartee Jaardagaa keessatti qophoofneerra, Yoo lolli kan itti-fufu ta’e Badhaadhina Amaaraa itti galchina, garuu amma lojistikii isinirraa barbaadna, Iddirii qonnaan bultoota garaa garaa kan akka Amantaa, Du’aa keessatti walitti qabne keessaa qarshii liqaa jiran sassaabnee Rasaasaa fi Qawwee bitnee hidhachiisneerra, karoora keenya kana kan hojjennus haala kanaani, gara fulduraatti maal hojjenna yoo jenne garee kana hunda faana walgahii idilee godhanna.”
Namni maqaan isaa Sisaay Fissaahaa Wubetuu jedhamu dhalata Magaalaa Haroo kan ta’e Rakkoo naannoo Harootti uumamaa jiru adda durumaan hogganaa akka jiru mirkaneeffanneerra. Sisaay Fissahaa Magaalaa Harootti kan dhalate yoo ta’u Afaan Oromoo sirritti dubbata. Yeroo ammaa kanas biiroo Inistitiiyuutii Pilaanii Magaaloota Oromiyaa keessa hojjeta. Nama afanjaajji keessa galchuuf jecha Miseensa paartii badhadhinaa Oromiyaa guutee jira. Rakkoolee Jaartee Jaardagaa, Magaalaa Agamsaa,
Kiiramuu fi Guttiin irraatti ta’aa jiranis addadurummaan hogganaa jira.
Hidhattoota Amaaraa kana ala hidhattoonni “Shane mootumma” jedhaman naannoo Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallagga keessa socho’an ni jiru. Gareen kun kan waraana Adda Bilisumma Oromoo bakka hin buune yoo ta’u kan hogganamus itti Nageenya mootumma Itoophiyaadhaan. Waggoota lama duras Goodinoota Wallaggaa keessaa humni addaa Oromiyaa akka ba’an godhamee polisii federaalaa qubachiisanii turan. Polisoonni federaalaa kun kan ilaalcha Oroomummaa balaleffatan waan qabaniif meeshaa waraanaa mootummaan Itoophiyaa isaan hidhachiise kan akka Bireenii fi
Isnaayipperii Finxaaleyyii Amaaraa Goddina Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuu Magaalaa Haroo, fi Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jardagaa Jartee fi Aanaa Amuruu kan ganda Sammoo jedhamu keessa jiraaniif hiraa turani. Kan hidhannoo guutuudhaanis shiftaa ta’anii Finxaaleyyii Amaaraa kanatti makamaniis baayyeetu jiru. Akka fakkeenyaatti bara 2021 naannoo ji’a Hagayyaa kaampii waraanaa magaalaa Agamsaa naannoo addaa Kilisheerii jedhamu keessaa namoonni Sagal (9) gara Finxaaleyyii Amaaraa naannoo Sammoo jiranitti makamanii ture.
Waraanni “Shanee mootumma” Waraana Bilisummaa Oromoo akka bakka hin beenu kan nu amansiisu ragaa Ibsa Ajjeechaa Agamsatti Faannoon Raaw’ate Ilaalchisee Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO basee irraa hubachuun nii danda’ama. Hogganaan garee kanaa ergama mootummaa Bilxiginnaa irraa fudhatee Wallaga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa naannoo garaagaraa keessatti Amaara deeggaraa jira. Humni kunis Bulchitoota Aanaa Amuruu, Aanaa Kiiramuu fi bulchitoota Goodina Horroo guduruu Wallaggaa waliin hojjeta. Oromoo irraa hidhannoo hiikkachiisuun Finxaaleyyii Amaaraa hidhachiisa, Abbaa qabeenyaa Oromoo irraa qarshii guuruun Amaaraaf laata.
Ajaajni kunis kan kennamuuf itti gaafatamaa Poolisii Federaalaa Itoophiyaa kan ta’an Demelaash Geberemikaa’eel irraatti. Karoorri guddaan garee kanaa Waraana Bilisummaa Oromoo godina Horro Guduruu Wallaggaa fi Goodina Wallaga Bahaa keessaa balleessuu fi uummata Oromoo biratti akka WBOn fudhatama dhabu gochuu yoo ta’u dabalataanis Abbaa Qabeenya Oromoo, Sabboontota Oromoo, Namoota Beekamoofi Haawasa biratti kabaja qaban balleessuun Oromoo cabsuu irraatti kan xiyyeefatedha. Yeroo tokko tokkos nuti ABO-WBO dha jedhanii nama butuun qarshii kuma dhibba lamaa (200,000) ol fudhachuun gadhiisu, Saawwaa qonnaan bulaas hataa turan. Kanaafi nuti gareen kun isuma mootiin Tewoodiroosfaa dalagan irradeebiin dalaga jiru kan jennu. Gareen “shanee mootumma” yoo waantota kana galmaan gahe Goodina Wallaga Bahaa Hangar Guutee gadii fi Guutummaa Horroo Guduruu Wallaggaa Finxaaleyyii Amaaraaf akka kennamu mari’aatanii jiru. Yoo lafti kun Amaaraaf kenname lafti Investimentiidhaaf ta’u akka hogganoota garee kanaaf kennamu mootummaan waadaa galeefi jira.
Waantotni armaan olitti eeraman hundi isaanii agarsiiftuu madda rakkoo walitti bu’iinsa uummata Amaaraa fi uummata Oromoo naannoo Wallaggaa keessa jiraatan ta’uu nii hubbanna. Walumaagalatti walitti bu’iinsi Wallaga keessatti raawwataa tureefi raawwataa jiru bifa qindoomina Mootummaa Bilxiginnaa, Finxaaleyyii Amaaraa, Mootummaa Naannoo Amaaraa, Faannoo Amaaraa fi garee “shanee mootumma” ta’uunsaa homaa tokko nama hin shakkisiisu. Kanaafuu nuyi dhalattoonni Naannoo Agamsaa fi Ummanni Oromoo hundi gochaa dugguuggaa sanyii bifa lenjii ga’aa, Lojistikii ga’aa, fi human ga’aa fayyaadamuun Uummata Oromoo irraatti raawwataa jiru ta’uu isaa nii beekna. - Gaafa Haggayya 30, 2022 magaalaa Agamsaatti maaltu raawwatame?
Fak 1. Magalli Agamsaa aanaa Amuruu, zoonii Horro Guduruu Wallagaa, nanno
Oromiyaa kessatti yommuu argamru, daangaa naanoo Amaararraa km 25 fagaatti.
Uummanni Magaalaa Agamsaa seera kabajuun, barnootatti amanuu fi keessummaa simachuun beekama. Uummattoota naannoo Amaaraa irraa ka’anii gara Agamsaa dhufaniif lafa isaa irraa qoodee baroota baay’eef nagaa fi jaalalaan waliin jiraachaa tureera. Haata’u malee Ammajjii, bara 2020 irraa eegaluun uummata keenya naannawaa magaalaa Agamsaa kan araddaalee Illaammuu, Jaaboo Doobban, Rigatee, Sammo, Gurraa, Dinkii, Cidhatti, Hoofii, Waalli, Lumma, Madaallee, Hoolee, Bilii fi kan kana fakkaatan keessatti argaman Finxaaleyyiin Amaaraa buqqisuun gara magaalaa Agamsaatti galchaniiruu. Buqqaatonni kunis waggoota sadii darbaniif furmaata tokko malee hojii dhabeeyyii tahanii beelaaf saaxilamaa jiru. Finxaaleyyiin Amaaraa kun leenjii waraanaa gahaa kan qabaniifi deeggarsa meeshaa fi lojistikii Mootummaa Bilxiginnaa, Finxaaleyyii Amaaraa, Mootummaa Naannoo Amaaraa, Faannoo Amaaraa fi garee shanee mootummaa irraa argatani fayyadamuun Goodina Horroo Guduruu iddoo garaa garaa keessatti nama ajjeesuu , mana jiraattootaa gubuu akkasumas Horii uummataa saamuu irratti erga hiriiranii waggaa Lama(3) ol lakkoofsiseera.
Gaafa Hagayya 28, bara 2022 Polisiin Humna Addaa Oromiyaa Kaampii waraanaa naannoo Kilisheerii qubatee ture utuu Uummanni Oromoo Magaalaa Agamsaa quba hin qabaatiin halkaniin ba’ee deeme. Yeroo Humni Addaa kuni gadhiisee deemus Jaarsoliin, Abbootiin Amantaa fi Bulchitoonni Magaalaa Agamsaa “nu dhiistanii hin deeminaa karaa Migir Humni Waraanaa shanee mootummaatu nutti dhufa, karaa Sammoo fi Haroo immoo Finxaaleyyiin Amaaraa Faannoo waliin tahuun qindaa’anii nu ajjeesuuf eeggataa jiru, kanaaf adaraa hin deeminaa jedhani jilbatti kufuun yeroo gaafatan” nuti waan goonu hin qabnu ajaja nuuf kenname raawwanna jedhaanii Hagayyaa 28, 2022 galgala magaalaa Agamsaa gadhiisanii deeman. Gaafa Haggayya 29, bara 2022 ganama humni shanee mootumma Magaalaa Agamsaa weeraruun
Waajjiroota Mootummaa fi Baankii Daldala Itoophiyaa, Mana Qopheessaa Magaala Agamsaa saamanii meeshaalee fi ragaa achi keessa jiran hunda gubani. Sana boodas uummata humnaan walitti qabuun ajajaan isaanii “rakkoo hunda waliin taane furra, kana booda waliin duuna waanti isin rakkisu hin jiru” jechuun uummata itti dubbate. Achiis uummanni akka gara manaa galu ajajee, namni mana erga galee booda dhalattoota Amaaraa lakkoofsaan kudhan (10) ta’an ajjeesan.
Karoorri Shanee mootumma saba Amaaraa fi Oromoo walitti buusuu waan tureef
Faannoo naannoo Goodina Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuu Magaalaa Haroo, fi
Goodina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu kan ganda Sammoo jedhamu keessa argamaniin gaafa Hagayya 30, 2022 dhufanii akka Magaalaa Agamsaa weeraran fi barbadeessan itti himuun gaafa Haggayya 30, bara 2022 naannoo sa’aa tokko (1:00) humna waraanaa isaa faana magaalaa Agamsaa gadhiisee ba’e. Akkuma gareen kun Magaala Agamsaa gadhiisee ba’een humnoonni Finxaaleyyii Amaaraa
Goodina Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuu Iddoo Haroo jedhamuufi Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu kan ganda Sammoo jedhamu irraa ka’uun uummata Agamsaa irraatti dhukaasa kallatti lamaan banaan. Finxaaleyyiin Amaaraa kun kan gara Magaalaa Agamsaa seenan tilmaaman ganama keessaa gara sa’aatii lamaa (2:00)tti yoo ta’u sa’aa lama irraa eegalanii uummata nagaa kan Obboroon ka’ee gara hojii dhunfaasaatti bobba’e jiru irraattidha kan dhukaasa banan. Yeroo kanatti humni akkasii nutti dhufa jenne hin yaadne ture jedhu namoonni Agamsaa. Akkuma dhukaasni baayyee cimeen uummanni Agamsaa qe’ee isaa gadhiisuun gara Magaalaa xiqqoo Migir jedhamtutti baqate. Uummanni yeroo baqate kanattis Daa’immaan, Dubartoota Ulfaa, Jarsolii fi Jaartolii fiiganii halleella kana jalaa ba’uu hin dandeenye gatee baqate. Namni Zalaalem Tamasgen jedhamus nama umuriin isaa deeme waan tureef fiigee ba’uu hin dandeenye, Fixaaleyyiin kunis mana dhunfaa isaa galchanii bifa sukkaneessaa ta’een Ibbidda itti qabsiisuun ajjeesan.
Dhukaasni kunis sa’aatii lama (2:00) hanga sa’aatii sadeetiitti(8:00) adeemsifame.Yeroo isaan uummata nagaa irratti dhukaasan kanatti qaamni shanee mootummaa Magaala gadhiisee ba’ee ture, namni Finxaaleyyii Amaaraa kanatti dhukaasaa tures hin turre garuu Finxaaleyyiin kun nama nagaatti dhukaasanii ajjeesaa turan. Erga Finxaaleyyiin Amaaraa kun Magaalaa Agamsaa barbadeessanii gara Harootti deebi’anii uummanni naannoo sa’aatii kudhaniitti(10:00) gara manaatti yommuu deebi’uu lubbuun namoota baayyee darbee, qabeenyi baayyeen gubatee arge. Ammas dhufanii lubbuu keenya balleessu sodaa jedhuun uummanni gara Aanaa Amuruutti imaluu eegalan, namoonni dargaggeeyyii ta’an immoo namoota du’an awwaalutti garagalan.
Halleellaa Agamsatti Finxaaleyyii Amaaraa fi Faannoodhaan raawwate kanaan yoo xiqqaate namootni lakkoofsaan dhibba tokkoo fi shanii (105) ol ta’an rasaasaa fi ibiddaan gubamanii ajjeefamaniiru kan torbaatamaa (70) ol ta’an immoo madaa’aniiru.
Dabalataanis Baankii Awaash, Baankii Siinqee, Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa ,Dukkaana Uummataa fi Mana jireenyaa erga saamanii booda ibiddaan
barbadeessaniiru. Namoota du’an awwaaluuf illee carraa hin arganne. Uummannis Finxaaleyyiin Amaaraa kun deebi’anii dhufuun nu ajjeessu jenne sodaa guddaa keessa waan galleef namoota kudhaniif(10) isa ol boolla tokkotti akka awwaalan dubbatu. Bulees nammoonni ajjeefamuun bishaan keessatti gatamanii fi laga keessaa argamani eenyummaan isaanii osoo hin beekamiin awwaalaman baayyee turan. Namoota Goodina Horroo Guduruu Wallagaa, Aanaa Amuruu, Ganda Agaamsaatti Finxaaleyyiii Amaaraadhaan Hagayya 30, bara 2022 Ajjeefaman keessaa kan maqaan isaanii beekamaniis kan armaan gadiiti.
Lakk. Maqaa Umurii
- Jaarsoo Fantaa 32
- Getaachoo Dhugumaa 64
- Lalisee Jaarsoo 5
- Tasfayee Getaachoo 34
- Galiiloo Baabbuu 37
- Tasfaayee Immiruu 43
- Baqqalaa Gammachuu 62
- Waqjiraa Ayyaanaa 87
- Fufaa Hundee 85
- Dhufanii Boggalee 89
- Gammadaa Abdii 37
- Tamasgeen Abdii 34
- Gurree Xiixaa 20
- Abiraahaam Yeesuuf 24
- Hordofaa Hundee 77
- Dassaalee Alamuu 42
- Tamee Bongee 25
- Simaa Bachii 67
- Ayyaanaa Abdii 37
- Zalaalam Tamasgeen 97
- Malkaamuu Baabusii 39
- Tasfayee Gecheer 67
- Obsii Tasfayee 28
- Bayyanaa Gichillee 73
- Obsii Amantee 48
- Amsaaluu Goobanaa 80
- Darajjee Tafarii 37
- Margaa Abdiisaa 55
- Tamasgeen Dassaaloo 72
- Badhaasaa Tamasgeen 49
- Wayyeessaa Abdii 56
- Dassaloo Margaa 26
- Garramuu Dassuu 50
- Dastaa Animmoo 34
- Birtuu Jibaat 23
- Abdii Xilaahuun 23
- Magarsaa Abdiisaa 27
- Abdiisaa Teessoo 25
- Moosisaa Jamaa 47
- Bayyanaa Gammadaa 60
- Misgaanaa Nugusee 40
- Dassaloo Jibaat 34
- Asaffaa Guggee 80
- Shifarraa Gobotoo 85
- Abaataa Bayyanaa 50
- Bayyanaa 47
- Indashaa Geetanee 43
- Dani’eel Waqjiraa 34
- Goboshoo Admasuu 42
- Animoo Shifarraa 36
- Abaatee Gobanaa 48
- Adamoo Galataa 56
- Kinduu Tasfayee 34
- Dassaaloo Margaa 35
- Goboshoo Galataa 33
- Beenyaa Roobaa 27
- Fiqaaduu Garbaa 34
- Tujee Miskir 24
- Ganamee Duubee 20
- Asaantuu Dachaasaa 19
- Bareedduu Gannatii 17
- Awwaqee Jaallataa 88
Finxaaleyyiin Amaaraa kun Konkolaataa akka Baajajii, Marchadiisii fe’uumsaa, deeggarsa Ambulaansii Bulchaan Kiiramuu isaaniif keenne fi Motor Saaykilii qabatanii kan dhufan yoo ta’u, lubbuu namaa dabarsuu irra darbanii qabeenya uummataa mana dhunfaa fi Dukkaanota keessaa saamaniiru. Dukkaana Mobayilii, Dukkaana Uffataa, Mana dhunfaa keessa Uffaannifi Televijiniin osoo hin hafiin saamanii jiru. Dabalataanis
mana jireenyaa obbo MOSSEE DHUGUMAA, obbo MARGAA BIRRUU fi obbo ZALAALAM TAMASGEEN abbiddaan barbadeessaniiru. Uummaanni Magaalaa Agamsaas akka sagaleen isaa hin dhaga’aamneef bulchaa fi dhimmi nageenyaa Aanaa Amuruu iddoo mana barumsaa Haroo waloo keessa deemuun uummanni akka hin
dubbanne akeekkachiisan. Debi’anii akka manatti galuu qabaniis itti himan.Uummannis yoo duunees lafa keenya irratti dhaqnee duuna jechuun gara mana isaatti deebi’e.
Ajjeechaa Magaalaa Agamsaatti raawwate kanas midiyaaleen kan akka OMN, abc News, Curate Oromia, DW Amharic , Reuters, Addis Standard fi Koomishiniin Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa[3] Gabaasanii turan. Walumaa galatti Ajjeechaan Hagayya 30 bara 2022 jiraattota Magaalaa Agamsaa irratti raawwate kan duguuggaa sanyii fi Ummaata Oromoo balleessuuf kan karoorfame ta’uunsa ifa ta’eera. - Gabaasni Amhara Association of America dhaan Gaafa Fulbaana 12, 2022 ba’e dhugaa irraa kan fagaate Ta’uu Isaa Gabaasni “Amhara Association of America” dhaan ba’e kan dhugaarraa fagaate fi qabatamaa hin taane ta’uu isaa ibsa kana gad-fageenyaan dubbisuun hubannee jirra.
Akkuma kutaa 1ffaa barruu kanaa irratti ibsuu yaalletti gamtaan kun ajeechaa Magaalaa Agamsaatti raawwatame kana adda durummaadhaan kan deeggaru ta’uu isaa agarsiisee jira. Uummattoonni Amaaraa fi Oromoo Agamsaa nagaaf jaalalaan baroota baay’eef kan waliin jiraatanidha. Gareen Finxaleyyii Amaaraa walduraa duubaan karoorsanii hojii kana erga raawwatanii booda, dhugaa kana fuula Adunyaa irraa dhoksuuf ragaa sobaan guutame kana dhiyeessanii jiru. Waldaan kun kan uummata Amaaraa bakka bu’uu utuu ta’ee nageenya saba Oromoo fi Amaaraa ija tokkon ilaalu
qaba ture.
Gareen Finxaleyyii Amaaraa kan biyya alaa fi magaalaa finfinnee jiran sanyii duguuggaa Magaalaa Agamsaa irratti rawwate kana karaa garaa garaan haalaa turan. Akka fakkeenyaatti namni Hone Mandefro jedhamu gaafa Fulbaana 03, bara 2022 Ajjeechaa magaalaa Agamsaa uummata Oromoo irraatti erga raawwatee gaafa guyyaa sadaffaa jechuun Fulbaana 3, bara 2022 fuula Tiwiiteriii isaa irraatti akkas jedhee barreesse ture “qorrannoo AAAn Ajjechaa Agamsaa keessatti Amaaroota irratti waraani bilisummaa oromoo raawwateen namoonni dhibba tokko (100) ol lubbuun isaanii baraaramuu gabaasa isaa booru jechuun Fulbaana 04, bara 2022 qabannee dhiyaanna jedhee, Midiyoonni akka Reuters, Al Jazeera English fi DW Amharic ragaa soba baasan jedhee haalee ture[9]”. Kana jechunis waldaan AAA duraan dursee karoorsee yoo jiraate malee akkamitti guyyaa Afur keessaatti qorannoo walabaa kana geggessu danda’a jedhee amane. Fulbaana 21, bara 2022 gabaasa DW Amharic [10] irratti nama Hone Mandefro jedhamu wabeefachuun ba’eenis dhugaa Oromoota
Agamsaa gara biraatti jijjiruun akka uummattonni Amaaraa du’anitti gabaasee jira. Dabalataanis biiroon “Ethiopia Media Authority” Magaalaa Agamsaa kessaatti uummanni akka walitti bu’uuf gabaasa sobaa gabaastan jechuun xalayaa akeekachiisaa Midiyaa FiB-Finfinne Integrated Broadcastingiif barreesse ture. Kuni hundi kan agarsiisu rakkoon kun kan itti yaadamee qindoomina Faannoo, Diyaaspooraa Amaaraa, Finxaleyyii Amaaraa naannoo Agamsaa fi Finxaleyyii Mootummaa Federaalaa fi Amaaraa keessa jiraniin shira dalagamee ta’uusadha.
Gareen AAA kun ibsa isaa keessatti namoota 33 naannoo Magaalaa Agamsaatti erginee qorannoo walabaa geggesineerra kan jedhe soba guddaadha. Nannoo Agamsaa yeroo ammaa kana namni socho’ee kana hojjechuuf illee haalli nageenyaa baayyee sodaachisaadha. Itti dabalatees, akka gabaasa AAA tti Hagayyaa 30, 2022 dhalattoonni Amaaraa 50 ol ta’an du’aniiru 20 kan ta’an immoo butamaniiru kan jedhe soba akka ta’e dhallattota Amaaraa fi Oromoo Magaalaa Agamsaa irraa adda baafannee jirra. Ragaan ibsa kana keessatti ba’ee doggogora kan qabuufi kan fudhatama hin qabnedha. Akka fakkeenyaatti maqaaleen iddolee garaagaraa kan akka kebele 03 fi Biiroo Teelee kan jedhaman Magaalaa Agamsaa keessa gonkumaa hin jiran. Namoonni nama ajjeesaa turan nuti qonnaan bulaadha nama ajjeesuu hin barbaadnu jedhani jedhame kan ibsa kana keessatti taa’ee afanfaajjii uumuuf qofa ta’e. Namootni uummata ajjeesan kun qonnaan bultoota fi nama nagaa utuu hin taane kan akka karoorfametti leenjii ga’aa fudhatanii Magaalaa Haroo turanidha. Hanga gabaasa kana qopheessinutti illee gareen Faannoo fuula Facebook “የአማራ ፋኖ በጎንደር” jedhamu irratti ifaaf ifaatti Uummata Horroo Guduruu Wallagaa deemnee haa ajjeesnu jedhanii wamicha uummata Amaaraaf godhaniiru. Ibsa AAA Fuula 23 irrattis Hagayyaa 30, 2022 namoonni Oromoo du’an lakkoofsaan ja’a(6) yookaan torba(7) kan hin caalleedha isaanis kan du’an Rasaasa barraaqee fi kan shanee faana ta’anii uummata Amaaraa lolaa turaniidha jedhame kan barraa’e guddaa kan nu gaddisiisee fi tuffii waldaan AAA uummata Oromoof qabu kan agarsiisudha.
Ibsa ejjennoo AAA baase kana arguun nutis dhalattoonni Magaalaa Agamsaa fi naannawaa ishee dhugummaa ibsa kanaa adda baasuuf, namoota ta’ii kana ijaan argaa turan, manguddoolii, abbootii amantaa magaalaa Agamsaa keessa jiran, bulchitootaa Magaalaa Agamsaa, dhalattoota Magaalaa Agamsaa sabaan Amaara ta’aaniifi Oromoota maatiin isaanii jala du’an tilmaaman gara nama 80 ol kan ta’an irraa ragaa sassaabnee jirra. Ragaan namooota kana irraa arganne kan ibsa AAA baasan irraa addaa fi kan wal hin fakkaanne ture. Ibsa kanaan Fuula 12 hanga Fuula 14 irraatti namoonni du’an jedhamanii galmaa’anis kan Saawwaa(Horii) Oromoo utuu saamanii, utuu uummata nagaatti dhukaasanii, kan guyyaa sana dura taatee garaa garaa naannoo sanatti finxaaleyyiin Amaaraa fi humni shanee mootummaa godhaniin kan du’an ta’uu isaa addaa baasnee jirra. Dhalattoonni Amaaraa muraasni du’an illee humna Oromoo fi Amaara walitti busuun Waraana Billisummaa Oromoo balleessuuf naannoo Horro Guduruu Wallaggaa Magaalaa Agamsaa jala gammoojjii mandheeffatee kan jiraatu humna shanee mootummaa ture. Ragaa namoota saddeetama (80) qabatamaan Magaalaa Agamsaa turan irraa arganneen gabaasa AAA fuula 12-14tti nammoonni 61 du’aniiruu jedhaman baay’een isaanii akka lubbuun jirani, kan du’an eenyu ajjeesse kan jedhuufi nammoonni kun jiraataa Magaalaa Agamsaadha kan jedhu
akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.
I. Hagayya 29, bara 2022 Dhalattoota Amaaraa Humna Seesee Shanee
mootummaan Ajjefaman. - Mariigetaa Yitaay
- Immaahoyi Chekkolech
- Lingereewu Gaashaayee
- Chaalee Getaaneh
- Misaawaa Kaasawu
- Immaahoy Tsehaay
- Dinquu Indashaawu
- Abbaa Qarree
- Aallee Balaay
10.Abbaa Fallaqee
II. Dhalattoota Amaaraa Humna Faannoo, Humna Seesee Shanee mootummaa fi
hidhattoota waliin isanii hin beekamneen Hagayya 30, 2022 dura ajjeefaman. - Mebiraatuu Birillee: Ji’a sadii dura kan osoo Horii tiksuu humna hin beekamneen du’e
- Guwaaddee Beyyenee: migiritti torbe 2 dura kan humna shanee mootumman
ajjeefame - Siisay Addisuu: Konkolaachisaa yoo ta’u Ji’a Bitootessaa bara 2021 utuu Boqolloo fe’ee deemu shiftoota (Garee Shanee Mootummaa) dhangaa hataniin
kan du’e. - Abiyyee Kaasayee : Hattuu yoo ta’u , utuu dhangaa warra Faannoo hatanii
naannoo Sammootti Finxaaleyyi Amaaraan ji’a tokko dura Ajjeefaman. - Zelaalem Hirkoo : Hattuu yoo ta’u , utuu dhangaa warra Faannoo hatanii
naannoo Sammootti Finxaaleyyi Amaaraan ji’a tokko dura Ajjeefaman. - Mellesee Kaasahuun : Hattuu yoo ta’u , utuu dhangaa warra Faannoo hatanii
naannoo Sammootti Finxaaleyyi Amaaraan ji’a tokko dura Ajjeefaman. - Attaalaay Mellesee : Garee Shanee mootummatiin Fulbaana, bara 2021
Ajjeefame - Wandee: ji’a lama dura qansirraa utuu hojjetuu naannoo Waallitti garee Shanee mootummaatiin ajjeefame
III. Namoota lubbuun utuu Jiranii Du’aniiru jechuun AAA gabaase - Biraanuu Getineet: Yeroo Ammaa Magaalaa Agamsaa jiru 2. Xilee Geetineet: Yeroo Ammaa Magaalaa Agamsaa jiru
- Geetineet Tegenyi: Yeroo Ammaa Magaalaa Agamsaa jiru
- Mangee Baamlakuu: Yeroo Ammaa Magaalaa Agamsaa jiru
- Beqaaluu Maasreshaa: yeroo ammaa kan naannoo goojjam jiru
- Immaa Mosiit: yeroo ammaa kan naannoo goojjam jiru
- MiixxaaWandee: yeroo ammaa kan naannoo goojjam jiru
- Geexuu Wandee: yeroo ammaa kan naannoo goojjam jiru
VI. Kan hin duune, haalli isaanii hin Beekamne fi Magaalaa Agamsaa kan hin taane gaafa Hagayya 30, 2022 kan hin ajjeefamne kan olola sobaa AAA dhaan
ajjeefamaniiru jedhaman. - Bellexee Kaasawu
- Fekedee
- Shaanqoo
- Alle Belay
- Asmaaree Balistii
- Banchuu Aseffaa
- Adaanee Bamlakuu
- Ristuu Baamlaakuu
- Alehenyi Baamlaakuu
10.Hasaan Yimaar
11.Mitikkuu - Aleemneh Mokonneen
- Alaamir Taareqenyi
14.Baamlaak Shifarraawu
15.Nigus Danyaawu
16.Bayih Animaawu
17.Mellees Indashaawu
18.Ayenewu Indashaawu
19.Fantaawu Taamenee - Adaanee Mokkonnon
21.Tsegaa Asmaaree
22.Allee Semmachewu
23.Taarikee Semahaanyi
24.Maarkash Gaashawu
25.Biraanuu Irgixee
26.Kindeenewu Warquu
27.Wandimnewu Tilaahun
28.Kaasahuun Dassaleewu
29.Fantee Abebaawu
30.Sisaay Ferredee
31.Mollaa Birquu
32.Mulaat Asnaaqeewu
33.Jenberuu Tekkaalliny
34.Girmaa
35.Hayilee
Namoota Agamsatti Hagayyaa 29, 2022 Ummata Oromoo fi Waraana Bilisumaa
Oromoon ajjeefaman jedhee AAA baase soba yoo ta’u namoonni kudhan 10 humna Shanee mootummaa kan ajjeefaman yoo ta’aan namoonii saddeet (8) immoo sana dura garee shanee mootummaa fi Fannoo naannoo Sammoo jiraaniin kan yeroo garaa garaatti ajjeefamanidha, namoonni saddeet (8) kan biraan immoo lubbudhaan jiru fi namoonni 35 kan hin duunee fi naannoo Agamsaatti yeroo ammaa kana kan hin argamneedha.Walumaa galatti Ibsi garee AAA baase kun karooraan uummata Oromoo fi Amaaraa naannoo Agamsaa walitti buusuuf kan itti yaadamee barreefamedha. Humni Finxaleyyii Amaaraa kunis lubbuu uummata Amaaraan kan daldalaniifi ofii ajjeesanii kan Waraanni Bilisummaa Oromoo ajjeesse jechuun haala turaanidha. Nutis dhaabbanni AAA kuni gochaa sukkanneessaa fi jibbisiisaa akkasii kana deeggaruu akka hin qabneefi irra deddebbiin ibsa gabaasa sobaa of keessatti hammate baasuu irraa akka of qusatu gorsina. - Gudunfaa Rakkoolee walitti bu’iinsaa uummata Amaaraa fi Oromoo gidduutti bara 2021 irraa egaluun Goodina Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti mudataniif sababa kan ta’an Uummata Oromoo osoo hin taane Finxaleyyii Amaaraa maqaa Amaaraa fi Fannoo
Amaaraa jedhuun socho’anidha. Akkuma armaan olitti kutaa 1ffaa keessatti kaasnee Illittoonni Amaaraa garee mootummaa biyya bulchu keessa jiranii fi kan naannoo Wallaaggaa keessatti dhalatan waliin ta’uun shira xaxameen walitti bu’iinsi guddaan ta’eera, ammaas ta’aa jira. Gareen Finxaleyyii Amaaraa shira xaxan kunis safuu kan hin beeknee fi gara-jabeenya guddaan kan guutamanidha. Finxaleyyii Amaaraa kun Godina Horroo Guduruu iddoo Jardagaa Jaartee, Aanaa Amuruu ganda Sammoo fi Wallaga Bahaa Aanaa Kiiramuu keessa mandheefatanii uummata nagaa fixaa turaniiru.
Karoora kana galmaan gahuufis garee Telegram fayyadamuun, koree dhaabbachuuniifi walgahii idilee garaagaraa godhachuun shira guddaa dalaguuf mari’achuun gara hojiitti bobba’aniiru. Dhugaan kunis odeffannoo karaa Marsariitii Haawaasummaa garagaraa fi bilbila fayyadamuun akkaata Oromoo Wallaggaa itti fixan mari’achaa turan irraa hubachuun nii danda’ama. Gareen Finxaaleyyii kun madda isaanii Finfinnee kan godhatan yoo ta’u karaa Baankii Abisiniyaa jedhamuu degggarsa walitti qabuun rasaasaa fi meeshaa waraanaa garagaraa guuttataniiru. Gamtaan AAA kunis garee lubbbuu namaa barbadeessaa oolu kana karaa garaa garaan deeggaraa jira. Akkuma Abbootiin isaanii dur amantaa da’oo godhachuun uummata keenya cunqursaa turan har’as gareen Finxaleyyii kun qabeenya Bataskaanaa fudhachuun rasaasaa fi meeshaa waraanaa bitaniiru. Akkasumas qabeenya Idirii garagaraa, Uqubii namoota du’aanii fi kan biraa fayyaadamuun Bataskaana keessa meeshaa waraanaa dhoksuun uummata nagaa shoroorkeessaa jiru.
Gareen kunis kan qindaa’ee Finxaaleyyi Amaaraa, garee Faannoo fi garee shiftaa Shanee mootummaa waliini. Gareen kun waggoota sadan darban kanatti lubbuu Oroomota 1000 ol ta’anii yoo balleessan, Horii (Saawwaa) Oromoo 10,000 ol gandoota baay’ee keessa hataniiru. Shira gareen kun xaxaniin Dhallattoonni Amaaraa dafqa isaaniitiin bulaniifi kan jiruu guyyaa guyyaa geggeefatan baay’een akka ajjeefamaniif sababa ta’aniiru. Hanga Xalayaan kun qophaahettis Finxaleyyiin Amaaraa kun
Ajjeechaa Godina Horroo Guduruu keessatti itti fufinsaan raawwataa jiru. Finxaleyyiin Amaaraa kun rakkoo ofii isaanii umaaniin uummani nagaa sabaan Amaara ta’aanii fi Oromoonni akka walitti bu’an godhaa kan jiran ta’uu isaa uummanni Oromoo hundi fi ummatoonni Itoophiyaa hundi akka hubatan barbaadna. Sanyii duguggaa uummata Oromoo irraatti fudhataniifis seeratti akka dhiyaatani gaafanna.
Halleellaa Hagayya 30, bara 2022 Magaalaa Agamsaatti rawwataniin naamootni 105 ol yoo du’an 70 ol kan ta’an immo mada’aaniiru. Gareen AAA dhugaa kana haaluun akka dhalattooni Amaaraa du’anitti gabaasa baasee jira. Mootummaan biyya bulchuufi uummattoni Itoophiyaa hundi garee kana rawwachaa jiru kana akkaa furmaata itti barbaaduufi garee kana akka seeratti dhiyeessu gaafanna. Dabalataaniis qaamni walaba ta’ee ajjeechaa Agamsatti rawwatame kana akka qoratu barbaanna. Gamtaan AAA deggarsaa fi gorsa namoota kanaaf kennu irraa of qusachuun, ragaa sobaa facasuun uummata Oromoo fi Amaaraa baroota baay’eef nagaa fi jalaalaan waliin jiraataa turan gidduutti walitti bu’iinsi cimee akka itti fufu gochuu irraa of qusatee gabaasa Fulbaana 12, bara 2022 baasee irra deebiin ilaaluun akka sirreefama godhu gaafanna.

