ONM-ABO Bitootessa 12, 2026
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa guutummaa aanichaa keessatti bulchitoonni Bilxiginnaa fi hidhattootni isaanii waliin ta’uun aangoo fi qawwee of harkaa qabanitti dhimma ba’anii akkuma aadaa isaanii hawaasa harkaa gara afaanii jiraatu maqaa deggarsa raayyaa ittisa impaayeerattiif jedhuun qarshii 1,000-2,000 uummata harkaa saamaa jiraachuu fi maqaa “galaa waraanaati” jedhaniinis hawaasni biddeena tolchee goggogsee tumuun akka geessuuf dirqamsiisaa jiraachuu jiraattotni onicha irraa dubbisne ibsaniiru.
Akka jiraattonni bakkichaa ONM dubbise tokko tokko jedhanitti, lukkeeleen Bilxiginnaa aanichatti baatii tokko osoo hin guutin si’a 2-3 naga’ee seeraa tokko malee kaffaltii gosa garaagaraa nutti tarreessanii, hidhaa fi reebichaan nu doorsisuun qarshii fi midhaan nyaataa nurraa guurrachaa oolu, kaffaltiin yeroo yeroon gaafatamnu naga’ee seeraa hin qabne kun maali jennee yoo gaafannu sodaachisa ni hidhamtuu fi gaaffii baay’istanii ergama biroo of keessaa qabdu jedhuun nu hiraarsu jechuun addeessaniiru.
Aanichatti caasaaleen Bilxiginnaa osoo finxaaleeyyiin Amaaraa tumsaa fi quba qabeenya Abiy Ahimediin bobbaafaman guyyuu qe’ee keenya weeraruun genocide nu irratti bananii ajjeechaa suukanneessaa, madoo ulfaataa, saamicha qabeenyaa fi mancaatii nurratti geggeessaa jiranii dhumaatiif mancaatii qabeenyaa keenyatti gammadaa cal’isanii nu ilaalaa, nu rakkoo nageenyaa naannichatti garmalee uumamaa dhufeen qotatee hin galfanne, nagaan gadi ba’ee ol hin galle qawween sodaachisanii maqaa raayyaa ittisa biyyaa fi milishoota keenya eegumsa naannoo irra jiraniif jedhuun qaanii tokko malee saamicha maallaqaa fi midhaan nyaataa nurratti raawwachaa jiru jechuun dabaluun dubbataniiru.

