Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Jiillee Dhummuuggaa magaalaa Sanbatee keessatti hidhattootni sirnichaa maqaa gibira manaa fi lafaa jedhuun qarshii humnaa olii jiraattota harkaa saamuu jabeessanii itti fufan 

ONM-ABO Amajjii 16, 2025 

Murni yeroodhuma rakkate qofa uummata Oromoo yaadatu Bilxiginnaan loltoota isaa kabajni namummaa maal akka ta’e illee hin beekne  kumaatamaan hawaasa nagaatti bobbaasuun afaan qawween doorsisanii  saamicha daangaa darbe jiraattota irratti raawwachuu hammeessaniiru.

Amajjii 13, 2025 irraa eegaluun aanaa Jiillee Dhummuuggaa magaalaa Sanbatee keessatti hidhattootni murna Bilxiginnaa poolisoota, raayyaa ittisa Impaayerattii fi milishoota jechuun of waaman waliin ta’uun magaalaa Sanbatee keessatti maqaa gibira manaa jedhuun iddoo dukkaanni takka dhaabbattuuf qarshii 400, yoo kaffalchiisan iddoo mana jireenyaa ammoo qarshii 500-600 afaan qawwee itti qabanii irraa fudhachaa akka jiran maddeen himan. 

Jiraattotni akka jedhanitti, hidhattootni sirnichaa kun yoo namoonni hin qabnu jedhanii itti deebisan jiraattota reebsisuu fi hidhuuf jecha namoota 5-6 ta’an loltoota isaanii irraa qofaatti baasuun of boodaan kan oofanii fi  lafa meetira 5 yoo qabaatte qarshii 500 gaafatamta lafa meetira 80 qabaannaanis  qarshii 800 kaffalta yoo didde ammoo loltoota murna Bilxiginnaa namoota reebuu fi hidhuuf qofaatti baafamaniin reebamna waan ta’eef dirqiin kaffalaa jirras jedhan.

Exit mobile version