ONM-ABO Sadaasa 22, 2024
Bara bulchiinsa murna Bilxiginnaa keessa Oromoo ta’anii dhalachuun qofti yakka ta’uun ilmaan Oromoo barataa, barsiisaa, qonnaan bulaa, daldalaa fi maanguddoonni osoo hin hafne hidhattoota sirnichaan jumlaan ukkaamfamanii manneen hidhaatti darbatamuun dhiittaan mirgoota namoomaa daangaa darbe irratti raawwatamaa jira.
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa waajjira poolisii magaalaa Sanbatee keessatti hidhamtoonni baay’inni isaanii 50 ol ta’an kan baatii darbe Fulbaana 1, fi Onkoloolessa 9, 2024 akkasumas Sadaasa 16, 2024 hidhattoota sirnichaan ooyiruu fi bakka hojii isaanii adda addaa irraa qabaman murtii seeraa tokko osoo hin argatin waajjira poolisii magaalichaa kutaa dhiphoo keessatti ukkaamfamanii galgala galgala poolisoota, waraanaa fi milishoota sirnichaan dabareen gadi baafamuun reebichi suukkanneessaan irratti geggeeffamaa jiraachuun ibsameera.
Hidhamtoota baay’inni isaanii 50 ol ta’an kanneen keessatti kan argaman maanguddoo ganna 80 Obbo Adam Guddaa fi Aliyyii Adam dabalatee namoonni hedduun galgala galgala halkan keessaa toora sa’atii 5:00 fi 6:00’tti gadi baafamuun hanga barii sa’atii 11:00’tti reebamaa kan jiran ta’uutu himama.
Akka jiraattotni magaalaa Sanbatee waajjira poolisii cinaatti argaman jedhanitti, waajjira poolisii kanneen biratti maqaa haroo jedhaniin boolli tokko konkolaataan qotameera, hidhattootni sirnichaa galgala galgala hanga namoonni rafan eeguun hidhamtoota kanneen dabaree dabareen gadi baafachuun osoo bool’atti hin naqin huccuu baafadhu jedhuun, erga baasisaniin booda akka sagaleen isaanii hin dhaga’amne boolla konkolaataan qotame kanneen keessa buusuun bishaan gubbaarraan itti dhaqanii uleedhaan cafaqu, namoonni kunis garmalee waan reebamaniif iyyaatuma bulus jedhan.
Hidhamtoota kanneen keessaa yeroo ammaa namoonni 5’n maanguddoo Obbo Adam Guddaa dabalatee reebicha irratti raawwatameen du’aa fi jireenya gidduu kan jiranii fi maatiinis dhaqanii akka hin dubbifne loltoota sirnichaan dhorkamuu himuun, jiraattotni magaalichaa akka jedhanitti, nuti halkan rafnee buluu miti, carraan isaan ga’e nu biras bor ni ga’a jennee du’a of irratti eegaa jirra jechuun miira aariin dabaluun dubbataniiru.

