ONM-ABO Onkoloolessa 23, 2024
Osoo uummanni Oromoo Walloo hidhattoota finxaaleeyyii Amaaraa murna bilxiginnaan tumsamanii fi shiftoota Affaariin duulli duguuggaa sanyii waggoota hedduuf irratti banamee ajjeefamaa, qabeenyaan isaanii jalaa saamamaa, namoonni jiraatti ukkaamfamuun maallaqa humnaa olii gaafatamaa fi manneen irratti gubachuun barbadaa’aa jiruu, murni bilxiginnaa akka uummanni kun finxaaleeyyii isaan marsee jiru ofirraa hin lolleef meeshaa hidhachuun keessan hayyamamaa miti maqaa jedhuun hawaasa Oromoo godinichaa cufa irraa meeshaa isaanii hiikuun isaaniin ammoo manneen hidhaatti galchanii hiraarsuu itti fufanii jiru.
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa magaalaa Qalloo keessatti Onkoloolessa 21, 2024 milishoonnii fi waraanni weerartuu Abiy Ahimed waliin ta’uun magaalaa Qalloo fi naannoo isheetti kan argamtu ganda Jaloo keessatti bobba’uun hawaasa naannichaa cufa irraa maqaa qawwee qabachuun keessan seeraan ala jedhuun namoota nagaa irraa qawwee hiikuun isaaniin ammoo ukkaamsuun hidhaniiru.
Namootni Onkoloolessa 21, 2024 magaalaa Qalloo fi ganda Jaloo keessaa qawween irraa hiikamuun reebichis irratti raawwatamee hidhaman muraasni maqaan nu ga’e:
- Aliyyii Jirraa Huseen qawwee, qarshii fi bilbiloota harkaa waliin,
- Aliyyii Mohaammad Hasuwwee qawwee fi bilbiloota harkaa,
- Adamiyyii Arbaahim Abbaggaar qawwee fi bilbila xiqqaa,
- Indiris Goohaa qawwee qarshii fi bilbila harkaa,
- Aliyyii Bashir piistoo, qarshii fi bilbila harkaa irraa fudhachuun isaaniin ammoo reebicha ulfaataa irraan ga’anii waajjira poolisii magaalaa Kamiseetti hidhanii dararaa jiraachuu jiraattotni magaalaa Qalloo ONM’tti himaniiru.
Namoonni hidhattoota murna bilxiginnaan qawween isaanii irraa hiikamee reebichi irratti raawwatamuun hidhaman kunneen qonnaan bultootaa fi maanguddoota yoo ta’an, gartuun jiraachuu ilmaan Oromoo hin barbaanne kun maqaa qaama mootummaatu isin eega meeshaa hidhachuun keessan ammoo seeraan ala jechuun akka waan uummataaf birmannaa taasisaa turanii qaanii tokko malee dubbachaa turuu dabaluun ibsaniiru.
Oduuma kanaan wal qabatuun godinichuma aanaa Jiillee Dhummuuggaa magaalaa Sanbatee keessaa Onkoloolessa 18, 2024 milishoonni sirnichaa nama maqaan isaa Mahaammad Umar jedhamu ganama osoo inni dukkaana isaa keessa taa’uu qabanii harka dudduubatti hidhuun qawwee irraa hiikanii uleedhaan cafaqaa of bira oolchuun galgala ammoo waajjira poolisiitti galchanii ganamaa fi galgala gadi baafachuun tumanii miidhaa irraan ga’uun yeroo ammaa haalli fayyummaa isaa yaaddessaa ta’uu jiraattotni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.

