Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni Somaaliyaa bakka dhokataa al-Shabaab kibbatti argamu to’ate

ONM-ABO Bitootessa 12, 2026 

Waraanni Somaaliyaa naannoo kibba Somaaliyaa keessatti bakka dhokata garee shororkeessummaa Al-Shabaab itti fayyadamaa ture to’achuu Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa Roobii kaleessaa beeksise.

Ministeerichi akka jedhetti humnoonni Somaaliyaa naannoo Hawaadley Middle Shabellee keessatti argamu eeguuf hojjechaa akka jiran qaama haleellaa waraanaa haaraa jalqabame Opireeshinii Badrii, kan iddoowwan shororkeessitoonni akka “bakka nageenyaatti” itti fayyadaman irratti xiyyeeffate ta’uu ibse.

Hidhattoota hafan hordofuu fi naannoolee dhiheenya kana garee al-Qaayidaa waliin hidhata qabu irraa fudhataman keessatti hojiin qulqulleessuu itti fufee jiraachuu ibseera.

Itti dabaluunis, hojiin kun bakkeewwan al-Shabaab fi bakkeewwan kuusaa hedduu barbadeessee jira.

Ministeerri fi ajajni waraanaa kun hojiin farra shororkeessummaa “cimee itti fufa” jechuun cimsanii dubbataniiru.

Ministeerichi Bitootessa 1 kan ifoomse ‘Operation Rolling Thunder’ kan qaama Operation Badr bal’aa ta’ee fi loltoota Yugaandaa ergama Gamtaa Afrikaa  waliin tajaajilan dabalatee michoota idil-addunyaatiin kan deggaramuudha.

Al-Shabaab waggoota 16 oliif fincila mootummaa Somaaliyaa irratti bobba’ee kan ture yoo ta’u, yeroo baay’ee humnoota nageenyaa, qondaaltotaa fi namoota nagaa irratti xiyyeeffata.

Ji’a Adoolessa darbe irraa eegalee waraanni Somaaliyaa deggarsa AUSSOM fi michoota idil-addunyaa birootiin garee kana irratti duula cimsee jira.

Hubachiisa: Operation Rolling Thunde ‘oppireeshin Rooling Tander’ AUSSOM ‘Awusam’

Exit mobile version