Gootichii waraana Bilisummaa oromoo zoonii gidduu gala Oromiyaa tarkaanfii laalessaa waraana weerartuu PP irratti fudhachuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.
(ONM-ABO Waxabajjii 3,2022 )
Haaluma kanaan guyyaa kaleessaa waxabajjii 2,2022 Aanaa Ada’aa bargaa fi Aanaa Meettaa Wilqixxeetti lola sa’a 9:00 irraa jalqabee haga halkan keessaa sa’a 1:00 tti godhameen hedduu duhaaf madoon harcaasee jira.
Lola Aanaa Ada’aa Bargaatti Iddoo addaa naannoo magaalaa Boorootti jalqabeen battalaa buqqisiisuun gootichi waraana bilisummaa oromoo hari’uun Magaalaa Mogor keessaa baasuun haga magaalaa Incinniitti qulqulleessee injifannoo boonsaa Oromoo Oi boonuun galmeesseera
Ittuma dabaluun Aanaa Meettaa Walqixxeen naannoo Laga keessummaatti haxxee seensisuun tarkaanfii fudhatameen hedduu du’aa fi madoon kan adabe yoo tahu ari’ee magaala Aanaa keessaa baasera .
Gama meeshaan Kilaashii Akm fi meeshalee adda addaa hedduu irraa hiikkachuun ifoomera.
Bifuma wal fakkaatuun Galgaluma magaalaa Minaares seenee tarkaanfii laalessaa fudhateen 10 du’aan adabuun 15 ol madeessee jira .

