Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gootichii waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii giddu galaa tarkaanfii laalessaa waraana weerartuu PP irratti fudhachuu ibse

Gootichii waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii giddu galaa tarkaanfii laalessaa waraana weerartuu PP irratti fudhachuu ibse.

(ONM-ABO Waxaabajjii 27,2022)

Irreef gaachanni ummata Oromoo gootochii waraana bilisummaa oromoo zoonii gidduu galaa kaaba lixa shaggar cibraan dhaloota Taaddee Birruu Aanaa darraa Ganda raachoo keessatti lola taasiseen 20 battalatti yoo ajjeessu 30 ol madoon
adabee 4 booji’uun jiraachu ajajaan WBO zoonichaa ibse.

Lola kana irratti qawwee Akm 50, sniper 1, kaasnaa sniper 3,
hidhannoo 5, kaasnaa AKM 6 booji’uun qabsoof galii godhee jira.

Tarkaanfiin Waraannii bilisummaa Oromoo fudhatu jabaatee itti fufa.

Injifannoo uummata Oromoof !

Exit mobile version