Gootichii Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba Bahaa tarkaanfii laalessaa Waraana weerartuu PP irratti fudhateen injifannoo cululqaa galmeessee jira.
(Hagayya 14,2022 ONM-ABO )
Irreef abdiin Oromoo WBON kibba baha oromiyaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa Buttaan Heebaan Arsii godina Arsii bahaa Ona muneessaa ganda heebaan laqiichaattii Hagayya 12,2022 waareen booda sa’atii 8 :45 pm irratti lukkeelee diinaa maqaa sakkattaa WBON bobbaate haxxee itti hidhuun 12 ajjeessee ,25 madoon adabee jira.
gama meeshatiin AKM 3 SKS 2 battalatti yoo booji’uu sakkatta’iinsa battala lollii geggeeffameetti guyyaa lamaaffaa taasifameen BKM 1 argachuufi reeffii ishee hanga ammaa bakka sanaa kan hin kaafamin jiraachuu ajajaan WBO naannichaa beeksise.

