• Fri. Mar 20th, 2026

Gootichii Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba Bahaa tarkaanfii laalessaa Waraana weerartuu PP irratti fudhateen injifannoo cululqaa galmeessee jira

Aug 14, 2022

Gootichii Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba Bahaa tarkaanfii laalessaa Waraana weerartuu PP irratti fudhateen injifannoo cululqaa galmeessee jira.

(Hagayya 14,2022 ONM-ABO )

Irreef abdiin Oromoo WBON kibba baha oromiyaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa Buttaan Heebaan Arsii godina Arsii bahaa Ona muneessaa ganda heebaan laqiichaattii Hagayya 12,2022 waareen booda sa’atii 8 :45 pm irratti lukkeelee diinaa maqaa sakkattaa WBON bobbaate haxxee itti hidhuun 12 ajjeessee ,25 madoon adabee jira.

gama meeshatiin AKM 3 SKS 2 battalatti yoo booji’uu sakkatta’iinsa battala lollii geggeeffameetti guyyaa lamaaffaa taasifameen BKM 1 argachuufi reeffii ishee hanga ammaa bakka sanaa kan hin kaafamin jiraachuu ajajaan WBO naannichaa beeksise.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading