Murni faashistii PP godina lixa Wallaggaa ona Laaloo Assaabii keessatti shamarree tokko rasaasaan rukuchuun miidhaaf saaxilan.
( ONM-ABO Waxaabajjii 7,2022 )
Waraanni murna maafi’aa PP ilmaan Oromoo irbaata rasaasaa gochuu aadeffate shamarree nagaan ganda jireenya isaanii keessa socho’aa turte badii tokko malee rasaasaan rukutan.
Waxaabajjii 4,2022 godina lixa Wallaggaa ona Laaloo Assaabii ganda Bataroo keessatti shammarree Oromoo maqaan ishee Immuyyee Solomoon Abboosee jedhamtu rasaasaan dugda keessa rukuchuun rasaasichi garaan ba’ee miidhaa guddaa irraan ga’uun hospitaala Gimbiitti yaalamaa jirti.
Waraanni murna maafi’aa PP kan ilmaan Oromoo dararuu malee jiraachuu hin dandeenye akeeka farrummaa isaa kanaan lubbuu ilmaan Oromoo hedduu ajjeesee gariin ammoo miidhaa qaamaa irraan kan ga’e yoo ta’uu qe’ee fi qabeenya isaanii kan saamamanii fi irraa buqqa’aanis hedduu akka ta’e gocha qabatamaa Oromiyaa keessatti ta’aa jiru irraa hubachuun ni danda’ama.

