Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar bulchiinsa magaalaa Bishooftuutti labsiin uggura geejjibaa labsamuun dhagaa’ame

Baha Shaggar bulchiinsa magaalaa Bishooftuutti labsiin uggura geejjibaa labsamuun dhagaa’ame.

( ONM-ABO Waxabajjii 29,2022 )

Labsiin farra riphee lolaa jedhu torban lamaaf kan labsame ta’us torban lama sana irratti torbanoota lama fi baatiiwwan danuu kan biroo hedduu kan dabalachuun WBO balleessuutti murni bilxiginnaa miidhaa isa irra ga’e dandamachuu dadhabuun humna dabalataa naannoolee irraa kadhachaa jiraachuu gidduu kana miidiyuma isaaniin gabaasaa jiru.

Labsii labsame qolachuun WBO magaalota tarsiimoo ta’an to’achuun lola jajjabaa loluun injifannoo boonsaa akka argates gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Osuma gareen maafi’aa PP olola sobaa fi tarsiimoo okkolaa isaa waliin dhama’uu gidduu kanatti tarkaanfii WBOn baha Shaggar Boosatii fi Kibba Lixa Shaggar bakkoota magaalaa Bishooftuutti dhiyoon ta’an irratti fudhateen baaraguun bilxiginnaan magaalaa Bishooftuu keessaa Baajaajiin galgala sa’a 12:00 booda akka hin sochoone labsuu Qeerroon Bilisummaa Oromoo magaalaa Bishooftuu himan.

Akka Qeerroowwan tokko tokko magaalicha keessaa Arraati Biyyooleessa Oromiyaa dubbise jedhanitti WBOtu magaalaa seenee jira jechuun galgala sochii namaa fi baajajota dhorkuun cinaatti naannawaan magaalittii eegumsa jabaan eegamaa akka jirtuu fi sakattaan jabaa ta’e jiraachuu himuun, naannoo zoonii Industry jedhamu, Bishooftuu fi Duukam gidduutti argamu irratti sakattaa gaggeessuun namoota waraqaa eenyummaa lixa Oromiyaa baatanii jiran hedduus badii tokko malee qabanii hidhanii jiraachuu addeessaniiru.

Eegumsaa fi sakattaan PP kufaatii irraa hin oolchu kan jedhu Qeerroowwan kun, Qeerroowwan magaalattii wal hubannoo fi of eeggannoon sochii keenya jabaannee itti fufuun WBOf karaa qulqulleessuu qabna jechuun ergaa isaanii dhaammattaniiru.

Exit mobile version