Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Humni Faannoo fi RIB’n Qindaa’e Ona Eebantuutti Namoota Nagaa Ajjeesan

Humni Faannoo fi RIB’n Qindaa’e Ona Eebantuutti Namoota Nagaa Ajjeesan.

[SQ Adoolessa 19/2022]

Lixa Oromiyaa Ona Eebantuutti humnoonni qindaa’an lama: PP fi Faannoo waliin ta’uun hawaasa Onichaa hiraarsaa jiraachuun dhagaa’ame.

Torbanoota darban keessa gandoota akka Lubee keessatti namoota heedduu fixuun qabeenya isaanii guutummaatti barbadeessuun isaanii ni yaadatama. Ammas haaluma wal fakkaatuun guyyaa har’aa jechuunis Adoolessa 19/2022 ganda Bakkaannisa jedhamutti namoota nagaa lama kanneen maqaan isaanii:

1) Birraatuu Jaarraa fi
2) Magarsaa Dhinsaa

Jedhaman rasaasaa itti roobsuun ajjeesuun beekamee jira.

Akka jiraattonni jedhanitti, magaalonnii fo gandoonni Ona Eebantuu jala jiran gidiraa ulfaataa fi sodaa hammaataa keessummeessaa jiraachuunis ifoomeera.

Exit mobile version