Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Humnoonni Faannoo Ganama Obboroon Ona Giddaa Ayyaanaa Gandoota Lama Keessatti Weerara Banuun Dhaga’ame

Humnoonni Faannoo Ganama Obboroon Ona Giddaa Ayyaanaa Gandoota Lama Keessatti Weerara Banuun Dhaga’ame

[SQ Onkoloolessa 4/2022]

Humnoonni Faannoo, Milishaa fi hidhattoonni naannoo Amaaaraaa ganama har’aa jechuunis, Onkoloolessa 4/2022 yeroo dheerasf qophii taasisaa erga tursnii booda, obboroon ka’anii Ona Giddaa Ayyaanaa gandoota akka Haroo fi Nageessoo jedhaman keessatti lola guddaa uummata irratti banuu maddeen SQ Onichaa dubbise yaada isaanii ibsanii jiru.

Humnoonni kun baay’inaan gara nama 3600 ol akka ta’anii fi magaalota akka Ukkee fi Luugoo jedhaman irraa gara gandoota kanaatti akka bobba’an jiraattonni dubbatu.

Akeekni isaanii maali jechuun gaaffii SQ gaafateef wayita deebii kennan jiraattonni, “ammaan dura bakkoota akka Ukkee, Agamsaa fi Jaartee jedhamanitti kisaaraa WBOn irraan geessise sana uummata keenya irratti haaloo bahachuufi” akka ta’e dubbatu.

Yeroo kamiyyuu caalaa weerara lafaa fi eenyummaa Oromoo irratti deemaa jiru kana, uummanni keenya irree tokkichaan ofirraa qolachuu akka qabus dhaamuu feena.

Exit mobile version