Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hidhattoonni Faannoo Har’as Godina H/G/Wallaggaa Ona Horroo Bulluqitti Namoota Nagaa Heedduu Fixan

Hidhattoonni Faannoo Har’as Godina H/G/Wallaggaa Ona Horroo Bulluqitti Namoota Nagaa Heedduu Fixan.

[SQ Fulbaana 3/2022]

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Ona Horroo Bulluq ganda Bonee Abuunaa jedhamutti guyyaa har’aa jechuunis Fulbaana 3/2022 humnoonni Faannoo Amaaaraaa namoota nagaa heedduu ajjeeesuu fi kanneen heedduutti lakkaa’aman ammoo madeessuu isaanii jiraattonni onichaa Sagalee Qeerrootti himan.

Hanga ammaatti kanneen maqaa isaanii arganne kanneen gadii kana :

1) Dinqiisaa Oliqaa
2) Koonnisee Oliqaa
3) Qaroo Guddumaa
4) Bosaa Guddumaa
5) Taakkallaa Abaataa
6) Paster Kaffaalee
7) Dastaa Labataa
8) Badhaasaa Fiqaaduu
9) Abbayyaa Gaddafaa
10) Assabaa Habtaamuu
11) Waaqwayyaa Olaanaa
12) Tarree Abdiisaa fi kanneen biroo heedduu ammaaf maqaan nun dhaqqabiin ta’uun beekameera.

Gama biraatiin ammoo kanneen lakkoofsaan heedduu ta’an madaa’uunis barameera. Kanneen madaa’anii haala yaaddessaa keessatti argaman ammoo:

1) Baabbuu Nagaraa
2) Soorii Fiqaaduu fi kkf ta’uu odeessi nu gahe ifa godha.

Exit mobile version