Wallagga Bahaa Ona Kiiramuutti Hidhattoonni Amaaraa Faannoo Jedhamanii fi Milishooonni Naannichaa Waliin Ta’uun Uummata Nagaa Fixan.
[SQ Sadaasa 30/2022]
Guyyaa kaleessaa fi dheengaddaa jechuunis Sadaasa 28 fi 29 Godina Wallagga Bahaa Ona Kiiramuutti hidhattoonni naannoo Amaaraa lafaa fi qe’ee Oromoo weeraruuf bobbaafaman dhukaasa uummata nagaa irratti bananiin lubbuu nama heedduu galaafachuun barameera. Hanga ammaatti namoonni haleellaa kanaan dhuman heedduu ta’anis, hanga ammaatti maqaan isaanii kan nu gahe kanneen asii gadii kanadha:
1) Obbo Daamxoo Kaffaaleew (Presidantii Mana Murti Ona kiiramuu)
2) Obbo Iddoosaa Taganyee (Hojjetaa Waajjira Qonnaa Ona Kiiramuu)
3) Obbo Kabbadaa Hayilee (Hogganaa Faayinaansii Ona Kiiramuu)
4)Obbo Taarikuu Geetahun (Ogeessa Geejjibaa Onichaa)
5) Mo’aa Addunyaa (Daa’ima waggaa 10)
6) Baabbulii Jamaal (Dargaggoo)
7) Gaaddisaa Baqqalee (Dargaggoo)
8) Obbo Taaffasee Ayyaanaa (Barsiisaa)
9) Obbo Dassaalee Gonfaa (Barsiisaa)
10) Obbo Hayilee Gonfaa (Qote bulaa)
11) Obbo Balaay Jabeessaa (Qote bulaa)
12) Obbo Wayyeessaa Dhufaa (Qote bulaa)
13) Obbo Fiqaaduu Tasammaa (Qote bulaa)
14 Obbo Moosaa Abdiisaa (Qote bulaa)
15) Obbo Margaa Kitil (Qote bulaa)
16) Aadde Dhibbee kan jedhamtu (dubartii waggaa 60)
17) Obbo Lammeessaa Fufaa(Qote bulaa)
18) Obbo Afataa Ayyaanaa
19) Obbo Darajjee Jabeessaa
20) Obbo Dibaabaa Gusuu
21) Obbo Assaffaa Hundee (Barsiisaa)
22) Obbo Faqqadaa Qanaatee
23) Obbo Lammeessaa Garamuu
24) Obbo Gonfaa Kumsaa (Hojjetaa wangeelaa)
25) Obbo Nigaatuu Adalee, mucaa isaa dabalatee
26) Qixxeessaa Takkalaa (Ijoollee waggaa 15)
Kanneen armaan oliitti tarreffamaan kunneen kan hanga ammaatti maqaan adda baafaman yoo ta’an, heedduun namootaa kan maqaan nun geenye humnoota kanaan ajjeefamuun beekameera.

