Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Oromiyaa Godina Wallagga Bahaatti Finxaaleyyin Amaaraa kan maqaa Faannoo Socho’aan Gargaarsa Mootummaati Darara raawwachaa jiru

Lixa Oromiyaa Godina Wallagga Bahaatti Finxaaleyyin Amaaraa kan maqaa Faannoo Socho’aan Gargaarsa Mootummaati Darara raawwachaa jiru.

(SQ-Onkoloessa 15/2022)
Godina Wallagga Baha Ona kiiramuu Finxaalleyyiin Amaaraa tumsa mootummaa irraa argataniin ilmaan Oromoo heddu qe’eefi qabeenya isaanii irraa buqqisuun lubbuu namoota hedduu gagga’uun dhagahaame.

Onicha Keessaa Ganda Burqaa soorrumaa bakka jedhamurraa Obbo Gammachuu Margaa Ajjeesuun haala nama Suukanneessun Miillaafi harka irra Muruun gocha Dhala namaaf hinmallee irratti raawwatan.Akkasumas,
Obboleessa isaa Obbo Tashoomaa Margaafi Ijoollee isa lama durbaa tokkoo fi Dhiira barataa kutaa ja’aa waliin rasaasaan rukkutamanii yeroo amma Hoospitaalatti Yaalama jiru.

Bifuma wal Fakkaatun,Ganda caffee soorrumaa magaalaa kiiramuu irraa km 2 kan hin fagaannettis Obbo Olaanii Kumii manguddoo Ganna 80 yoo ajjeesan,
Ayyalaa fi Balaay Gammachuu rasaasaan rukkutamani jiru. Akkasumas,Warqinaa Garbaa, Margaa Abbuyyee rasaasaan rukkutamani jiru.

Ganda Guddinaa jireenyaa/Booqa

obbo Olaanii Qallabii manguddo guddaa kabajaaf maluutu ajjeefame.
1.Gammadaa Turaa,Tuuliii ,Qanaatee Abdannaa
,Kibbii Fiqaaduu
,Dastaa Fiqaaduu, Mangistuu Dinquu manguddoo Ganna,Dheerresaa Dabaloo abbaa maatiitu ajjeefame

Exit mobile version