Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonilee Waraanaa Kibbaafi Giddu Gala keessatti diina adabuun Injifannoo Boonsaa galmeessuu beeksise

Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonilee Waraanaa Kibbaafi Giddu Gala keessatti diina adabuun Injifannoo Boonsaa galmeessuu beeksise.
(Adoolessa 30, 2022 ONM ABO)

Abdiif Gaachanni Uummata Oromoo WBOn Zooni Kibbaa Keessa socho’u Cibraan Soddom Booroo har’a Adoolessa 30, 2022 Ganama sa’aati 11:30 hanga sa’aati 01:30tti Aanaa Gumii Eeldalloo Ganda Malkaa Gubaatti Waraana Bilxiginnaa kan Kaambii Keessa ciisutti marsuun itti marsee haleeluun 9 ajjeesee 11 oli Madoo Cimaan adabee jira.

Oduuma wal fakkaatuun guyyuma har’aa Adoolessa 30, 2022 WBOn Zoonii Giddu Galaa, humni furgaatuu risaa laga Mogor Aanaa Dandii Magaalaa Gincii Bosona Cillimoo keessatti humna diinaa FSR tokkoofi Isuzu tokkoon magaalaa Jalduu irraa gara Gincii fiigaa turtetti haxxee hedhuun FSR tokko guutummatti barbadeessee jira.

Lola kanarratti humna diinaa irtaa nama 30 du’aan kan adabe yoo ta’u, kan hafte ammoo madoon laqamtee konkolaataa jala guurrachaa turaniiru.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version