ONM-ABO Bitootessa 16, 2024,
Bitootessa 10, 2024 qaqqaliiwwan sabaa godinaa Arsii baha aanaa Gololchaa gandaa Culullii Darbaa iddoo addaa naannoo magaalaa Dhibaa jedhamu keessatti diina maqaa sakkattaa WBO jedhuun bosona seente haxxee itti hidhuun guyyaa sa’a 6:23 hanga 7:10tti olii fi gadii akaa’ee lotoota 13 ajjeessuun 9 maddeessee ari’ee uummata keessa dabarsuun bakka dhuftetti deebiseera.
Godinuma sana aanaa Martiitti guyyaa kaleessaa Bitootessa 15/2024 qaqqaaliwwan sabaa diina maqaa sakkaattaa WBO jedhuun bobbaatee uummata nagaa doorsisaa turte ganda Wotaroo Dinoo iddoo lamatti tarkaanfii fudhachuun injifannoon goolabee jira.
Lola jalqaba iddoo addaa Ardaa Qocichaa jedhamu keessatti loltoota 12 ajjeesuun 8 madoo dandammii hin qabneen adabuun reeffaa fi madoo ishee gachisiisuun baqachiisee jira.
Guyyuma sana osoo isheen madoo fi reeffa ishee baafachuuf reebu dhufaa jirtuu haxxee itti hidhuun gandummaa Wotaroo Dinoo iddo adda Baquula jedhamu keessatti tarkaanfii fudhateen loltoota 9 ajjeesuun 11 madeessee gargar facaasee ofi duuba baqachiisee jira.
Walumaagalatti torban kana muraatoowwan sabaa WBOn, zoonii kibba baha Oromiyaa iddo adda addaa keessatti haleellaa taasisaa tureen injifannoo cululuqaan galmaa’ee jira.
Lolli bilisummaa finiinee itti fufa!
Injifannoon Uummata Oromoof!

