ONM-ABO Hagayya 20,2022 murni bilxiginnaa Hagayya 9,2022 godina Lixa Wallaggaa ona Qondaalaa magaalaa Bobbee keessatti mana namoota gubuun, qabeenya saamanii dunkaanota hedduus caccabsanii jiru.
Ona Qondaala magaalaa Bobbee kana keessatti namootni saamamanii fi qabeenyi jalaa gubate Siraaj Hiikaa dukkaana guutuu saman, obbo Dooshii Daaqaa mana baaburaa keessa qabeenya jiruu fi maallaqa 200,000 mana keessaa fudhatan, Abduu Guddinaa mana jalaa guban, Iddoosaa Haayiluu mana yaalaa guutuutti saamuun qarshii 70,000 dabalataan fudhatan, Abdulkariim Bulaa jalaa qabeenya mana guutuu saaman, Sheek Ibraahim Oliiqaa jalaas mana yaalaa keessaa qabeenya saamaniiru.
Magaalaa Gobbee keessaa walumaagalatti dukkaana 22, mana baaburaa 3 , mana jireenyaa 9 irratti badii kan geggeessan yoo ta’u mana 2 guutuutti gubuun barbaadeessaniiru.
Dabalataanis jenereetara 6 fi doqdoqqee 1 kan guban yoo ta’u magaalaa kana keessaa guyyaa tokkotti qofa qabeenya miliyoona 5.5tti tilmaamu saamunii fi barbadeessanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ona Qondaalaa gabaasaniiru.

