ONM-ABO Waxabajjii 29, 2024
Akkuma guutuu Oromiyaatti murni PP “hidhata WBO qabdu” jechuun hawaasa nagaa hedduu mana hidhaatti guuruun, qabeenya saamuu fi gubuun, kaan ajjeesanii namoota hedduus qe’eerraa godaansisuun yakkoota gara jabinaa tilmaama hin qabne uummata Oromoo irratti raawwachaa kan oolan ergamtootni Abiy Ahimed, godina Lixa Wallaggaa ona Mana Sibuu magaalaa Karra Waayyuu jedhamutti bajaajii fi doqdoqqee uummataa gubuun ibsameera.
Waxabajjii 25, 2024 “WBO’tu ittiin deema” jechuun namoota maqaan isaanii:
- Abbayyaa Dhufeeraa
- Gammadaa Jireenyaa
- Hiikaa Eebbisaa
- Lammeessaa Abarraa fi
- Lataa Tafarii jedhaman jalaa bajaajii isaanii jalaa barbadeessuu jiraattonni ijaan argan ni dubbatu.
Kana malees, guyyaadhuma kana nama maqaan isaa Jiraataa Abbayyaa jedhamu jalaa doqdoqqee gubuun nama maqaan isaa Tsaggaa Abbaa Qoruu jedhamu jalaa immoo “WBO yaalta, qorichoota dhiyeessita” jechuun mana qorichaa isaa erga caccabsanii qorichootaa fi meeshaalee inni achi keessaa qabu hunda saamanii jiraachuu jiraattonni kun itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

