Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Ona Mana Sibuutti waraanni maafiyaa PP mana hawaasaa gube

ONM-ABO Waxabajjii 27, 2024

Murni bilxiginnaa ilmaan Oromoo sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkee ajjeesuun, hidhuun, saamuun, mana irratti gubuun, ari’ee qe’ee fi qabeenya irraa godaansisuun dararaa ulfaataa ta’e kutaalee Oromiyaa adda addaatti jiraattota irraan qaqqabsiisuun namoota hedduutti jireenya hadheessuun kan beekamu yommuu ta’u, loltoonni Impaayera Itoophiyaa gocha isaa kana dhiisuu diduun godina Lixa Wallaggaa ona Mana Sibuutti mana hawaasaa gubuun ibsameera.

Waxabajjii 26, 2024 naannoo sa’atii 5:00’tti ona Mana Sibuu ganda Karra Waayyuu Aabboo irraa nama maqaan isaa Tsaggaayee Bantii jedhamu jalaa ” WBO asitti yaalte; qorichoota dhiyeessiteef” jechuun mana qorichaa inni qabu jalaa gubanii barbadeessan” jechuun jiraattonni gubachuu manichaa ijaan argan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Onichatti murnoonni bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti tarkaanfii reebichaa, saamichaa, hidhaa fi ajjeechaa garmalee hammeessanii jiraachuus itti dabaluun eeraniiru.

Exit mobile version