Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee aanaa Habroo keessatti maqaa sakattaa WBO jedhuun saamichi fi dararaan jiraattota irratti hammaate

Godina Lixa Harargee aanaa Habroo keessatti maqaa sakattaa WBO jedhuun saamichi fi dararaan jiraattota irratti hammaate.

ONM-ABO Hagayya 31, 2022 Waraanni sirna PP uummata Oromoof naatoo hin qabne maqaa sakattaa WBO jedhuun uummata nagaa jireenya isaa fooyyeffachuuf carraaqu daandii irratti qabuun gaaffii afaanii hanga reebichaa fi hidhaatti irra ga’aa jira.

Waraannii goolessituu PP kun Hagayya 29, 2022 irraa qabuun godina Lixa Harargee aanaa Habroo magaalaa Balballeetti keessatti sochii Waraana Bilisummaa Oromootu jira jechuun konkolaataa dhaabsisuun namoota fuulaa haaraa jedhan gaaffii tokko malee hidhaaf saaxilaa jiraachuu maddeen ifoomsaniiru.

Gareen faashistii PP kun, milishootni sirnichaallee osoo hin hafin bosona keessa naanna’uun namootatti rasaasa kan dhukaasan yoo ta’u namoota daandii irratti argan cufa qabuun kan mallaqa qabu dirqiin kaffalchiisun yoo gadhiisan ilmaan hiyyeesssa maallaqa dhaban badii malee hidhaaf saaxilamee dararaa argaa jiraachuus maddeen dabaluun addeessanii jiru.

Uummatni Oromoo godinoota Harargee lamaanii hongee isaan mudateen cinaatti qaala’iinsa jireenya impaayeerattiin osoo rakkaatuu tiksitoota barcuma Abiy Ahimediin ammoo qe’ee isaa irra jiraachuunuu itti ulfaatee jiraachuu hadheeffatanii dubbatu.

Exit mobile version