Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii kibba bahaa haleellaa Ona Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa keessatti fudhateen qabeenya diinaa dhuunfate!
ONM-ABO Fulbaana 6,2022 Korommiin Kibbaa bahaa Oromiyaa WBOn Cibraa Jaal Nadhii Gammadaa Buttaan Heebaan Arsii dheengadda Fulbaana 4/2022 godina Baha Shagar aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa magaalaa Oo’ituu seenuudhaan ibiddaa itti gabbisuun diina uummata Oromootti roorrisaa jiru waraana bilxiginnaa irraa hiikkatee jira.
Lolli bilisummaaf taasifamaa jiru finiinee itti fufa!
Injifannoon Uummata Oromoof!
