BAHAA OROMIYAATTI QAAMOOTA MOOTUMMAAN YAKKI RAAWWATAMU BABALLATAA JIRA.
(SQ-Fulbaana 14/2022)
Fulbaana 9/2022 Bahaa Oromiyaa Harargee Lixaa Onaa Mi’eeso Araadaa Torbayyoo keessaa Namoota sadii badii takkaa malee mana isaanii cabsanii halkan keessa 7:00 ti erga namoonni rafaan booda mana isaanii irraa ukkamsan. namoota Sadii (4) Maqaa isaanii
- Usuman Mahammad Adam Abbaa ijoolee jaha (6)
- Mumee Ahamad Aniyaa Abbaa ijoolee shaan (5)
- Ahamad Jamaal Adame Ijoolee Lamaa (2)
- Adam Dhadachoo Abbaa ijoolee Torbaa (7)
Namoota afran keessaa Namoota Lamaa(2) Waajjira Poolisi Magaalaa Ciroo kan jiran yeroo ta’u
Namoota Lamaa Achi buute hin agare - Usuman Mahammad Fi
- Adaam Dhadachoo
Esaa akka geessan hanga ammaa hin Mulaane kanaaf jirachuu isaani waan hin beekneef Achi buute isaani waan hin beekneef maatiin isaanii rakkachaa jirani

