Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

๐—ซ๐˜‚๐—บ๐˜‚๐—ฟ๐—ฎ ๐—œ๐—บ๐—ฎ๐—น๐—ฎ ๐—š๐—ฎ๐—ฟ๐—ฎ ๐—™๐—ถ๐—ป๐—ณ๐—ถ๐—ป๐—ป๐—ฒ๐—ฒ

๐—ซ๐˜‚๐—บ๐˜‚๐—ฟ๐—ฎ ๐—œ๐—บ๐—ฎ๐—น๐—ฎ ๐—š๐—ฎ๐—ฟ๐—ฎ ๐—™๐—ถ๐—ป๐—ณ๐—ถ๐—ป๐—ป๐—ฒ๐—ฒ

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Ajaja Kibbaa Cibiraa Soddombooroo haleellaa jabduu diina irratti fudhachuu beeksise.

(ONM ABO Fulbaana 21 2022)

Abdii fi gaaddisni saba Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa Cibraan Soddom Booroo sochii lolaa godhaa jiru irratti Duula qindaaโ€™aa Dhaadanno Maqaa โ€œXummura Imala Gara Finfinneeโ€ jedhu Kan Dhaabni labsite Wabeeffachuun sochii Eegaleen tarkaanfii diina baraarugsu fudhachuu itti fufuun Mishigii diina keessatti hedduu duโ€™aa fi madoon adabuu beeksise.

Lola hardhaa Abdiif Gaachanni Uummata Oromoo Cibraan Soddom Booroo Fulbaana 21, 2022 barii barraaqa saโ€™aati 11:00 irraa eegaluun Godina Gujii Bahaa Aanaa Gumii Eeldalloo Ganda Malkaa Gubaa Kaamphii Lama keessatti haleellaa cimaa Hanga Guyyaa Saโ€™aati 05:30tti taasiseen WBOn humna qindaaโ€™aan waraana bilxiginnaa Kaambi Malkaa Gubaa mandheeffatte kana irratti Tarkaanfi cimaa fudhateen humna nyaaphaa 35 oli ajjeesuun 57 oli madeessee injifannoo cululuqaa galmeessuun Gumaa Uummata Oromoo Kan dhiyeenya kana Bilxiginnaan kaambichatti fixxe osoo Oolchee hin bulchiin battalatti dachaa dachaan baasuun Aantummaa Uummata isaaf qabuu fi Gootummaa isaa agarsiisee jira.

Yeroo Ammaa kanas diinni akkuma marfamtetti Kan jirtuufi Gara Godina Booranaaf Godina Gujiitti Humna birmannaatiif watwaataa Kan jirtu taโ€™uunis beekameera.

madoo FSR 1 fi Ambulance 2n gara Uudat irraan Hanga Yaabellootti Kan feโ€™ataa jiran taโ€™uus odeessi keessoo isaaniitii baโ€™e ifoomseera.

Kana irratti Cibraan Soddom Booroo dhaamsa warroottan Aanaa Gumii Eeldalloo keesatti Mishigii diina keesda qabattanii humnaan mishigiitti nu naqan jecha jirtaniif dhaamsa dabarsu barbaannaa. Warroonni akkasii kanneen Sabboontota Waraana mootummaa keesatti rakkoon isin irra gahaa jirtu dhimmi saba keessanii kan isinitti dhagahamtu dabalatee Carraa gabaaba qabdanitti fayyadamaatii Kaambi diina gadi lakkisaa, yoo taโ€™uu baatte ammo gaabbiif eegeen booda galti waan taheef Waan Boru isin irra gahuuf deemu matuma keessan haaladhaa isiniin jennaa. Kan gara keenyatti dhufuu barbaaddaniif ammo yoomiyyu Carraan banaadhaa.

Xummura_Imala_Gara_Finfinnee!(XIGF!)

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version